Mohaammad Saalaa: FIFA'n sagalee kenname lama maaliif dhiise?

Madda suuraa, Getty Images
Sagaleen lama dorgommii taphataa cimaa FIFA bara kanaa irratti Mohaammad Saalaaf kenname sababa mallattoo isaanii irra qubee guddaan jiruuf osoo hin lakkaa'amiin hafuu Fifan beeksise.
Waldaan Kubba Miilaa FIFA leenjisaan yeroofii Shawikii Gaariib fi dursaan taphattootaa garee biyyaalessa Ahimed Elmohaammedii taphataa Liiverpuul Mohaammad Saalaa filatan jedhe.
FIFAaan waraqaa filannoo sana irratti qubee guddaan waan barreessaniif hin fudhatamne jedhe.
Dabalataan foormiin ykn waraqaa sana irratti mallattoowwan dirqama taa'uu qaban kan barreessaa waliigalaa Waldaa Kubbaa Miilaa Masirii hin jiru jedhe.
Taphataan Baarseloonaa Liyonel Mesiin Wiixata darbe taphataa cimaa Fifaa bara dorgommii xumuramee tahuun filatame.
Kiristaanoo Roonaaldoo fi taphataa Liiverpuul Virjil Vaan Daayik caaluun ture kan mo'ate. Mohaammad Saalaan ammoo sadarkaa 4ffaan xumure.
Haa tahu malee sagaleen Mo Saalaaf kenname lakkaa'amuu baatus jijjirama fidu qabxii waliigalaa irratti hin qabu ture.
FIFAn filannichi qaama walaba tahe 'Pricewaterhouse Coopers' (PwC] kan Iswiizerlaandi jiruun jedhamuun taajjabame jedhe.
Dhimma kana irratti akka sirreessanii galchaniif Waldaa Kubba Miilaa Masirii si'a lama gaafannus yeroodhaan deebii nuuf hin kennine jedhe.
Erga filannichi jalqabee waldaan kuuba miilaa Masirii jijjiirama caasaa taasiseera.
Erga bu'aan filannoo ibsamee booda Mo Saalaan fuula tiwiiterii isaa irraa maqaa biyya isaa 'Egypt' ykn Masirii jedhu balleessuun taphataa kubba miilaa Liiverpuul kan jedhu qofa hanbise.
''Jaalalan Masiriif qabu akka jijjiiruuf waan barbaade yoo godhan hin milkaa'an'' jechuunis barreessera.
Pirezidaantiin waldichaa Amir El-Ganiyaanii Mo Saalaa waliin haasa'uu ibsuun dogogora rakkoo bulchiinsaan uumame tahuu itti himeera jedhan.
Bara darbe Saalaan sadarkaa sadaffaan kan xumure yoo tahu badhaasa alchii bareedduu bara darbee badhaasa Puskas mo'ateera.















