Fayyaa Sammuu Keeniyaa: 'Abbaa warraa kootti tolcha tolchisiifte jedhameen himatame'

Estar Kihaamaa Keeniyaa magaala Niyerii jedhamtutti hojii barsiisummaarra osoo jirtuu oduu hin eegne tokkoo karaa bilbilaan kan dhageesse.

Abbaan warraa ishii Deevid dhukkubsachuu namni bilbilaan itti hime booda dhukkubbii mit, dhibee sammuuti jedhee hubachiise.

A.L.A bara 2005 Estar waggaa tokkoo oliif abbaa warraashi wajjin otoo wal hin argiin turte. Sababni isaammoo hojii daldalaaf jecha gara magaalaa biraa deemee waan tureefi.

Yeroo arguuf dhaqxu hunda garuu dhukkubsachuusaa waan hubatte hin qabdu turte.

Haata'u malee, si'a tokkicha dhukkubsachuusaa erga dhageessee shakkii malee garas deemuu yaadatti.

''Manatti qophaasaa dudubbata, harka facaasee yaadasaa ibsa. Qophaasaallee wayita dubbatu, namoonni hedduun isa biratti walitti qabamanii waan dhaggeeffatan itti fakkaata.'

Abbaan warraa Isteer gara mana yaala erga geeffamee booda dhibee sammuu 'bipolar disorder' jedhamuun qabamuusaatu barame.

'Gara manaatti deebinaan itti hammaate, manatti dhiisee yoon deeme baayyee dhiphata, guyyaa tokko manatti dhiisee deemeen wayitan deebi'u baaxii manaa erga gubettin qaqqabe.'

Estar abbaan warraashi waggoota dheeraaf beektu nama biraa fakkaatee wayita argitu fala wallaalte.

Waanti ta'aa jiru hubachuuf ishee rakkisee ture. Baasii hagamiiyyuu haa fixu jettee mana yaalaa geessuuf wayita kaatu, firoonni abbaa warraashiitii ni dhorku ture.

Sirumayyuu 'mucaa keenyas tolcha tolchisiifte maraachitee' jedhanii himachuu eegalan.

Abbaan isaa akka fudhachuuf dhufu natti himan. ''Ilmakoo situ tolcha itti tolchee maraache wayita naan jedhan baayeen na'e'' jette.

Waggoota 15'f gaa'ilaan nama waliin jiraatterraa addaan bahuun itti ulfaatus, hunda caala daa'imman horatan akka miidhu yaaddofte.

Deevid gara maatiisaatti erga deemee booda haalli fayyaasaatii guyyaa gara guyyatti itti hammaataa adeeme.

Maatiin isaa garuu, fayyaa kan dhabe sababii tolchaatiinii jedhaniii waan amananiif gara mana yaalaa geessuu hin barbaadani.

Keeniyaatti rakkoon fayyaa hedduun abaarsaa fi tolcha wajjin hariiroo qaba jedhamee hawaasa biratti amanama.

Rakkoon fayyaa salphaanilee wal'aansaan fayyuun danda'amullee, manatti dhokfama.

Ministeerri eegumsa fayyaa biyyatti akka jedhutti, namoonni hedduun wayita dhibaman ogeeyyii fayyaa wajjiin haasa'uu caalaa qoricha aadaa fudhachuu filatu.

Abbaan warraa Estar waggoota sadiif maatiisaa bira kan ture yoo ta'u, keessattu haadhasaa dulluma keessa jiranitti ba'aa dabalataa ta'eera.

Ilmisaanii qalbii dhabuu haati isaa erga arganii booda ofiisaanif dhukkubsatan.

Yeroo tokko tokkoo warri ollaa Isteer biraa dhaqanii haala inni keesssa jiru itti himaa turan.

''Yeroo tokko tokko bilbilaan karaa gubbaatti akka iyyu natti himu, battalumaan dhaga'een konkolaataa kireeffadheen gara mana maatisaatiitti deddeebi'aa ture. Yeroo kaaniis nyaata gaarii qopheesseen sora ture.' jetti haati warrraa.

Fayyaan abbaa warraa ishii akka deebi'uuf waan dandeessuu hunda gootullee garuu, komatamuu jalaa hin miliqne. Sirumayyuu ishee qofa otoo hin taane, abbaan warraashis akka balleessaa dalageetti lakkaa'an.

''Guyyaa tokko goraadee qabatee situ tolcha natti tolchisiise na maraachee' jedheetu na ari'ate. Yoo na ajjeefte eenyutu nyaata siif qopheessa? wayitan jedhuun goraadee darbatee deeme.'

Maatiifi firoottan ishii abbaa warraashii kana akka irraanfattu itti himanillee isheen garuu fudhachuu didaa turte.

''Yeroo wal fuunu waadaa seennee qabna, yoomiyyuu akka addaan hin baaneef, dargagummaa keessa otoo jirruu gaa'ela dhaabbanne, dhuguma dubbachuuf baay'ee wal jaalannas ture, ijoollee afur wajjin horanne.'' jetti

Waggoota sadiin booda Isteer ijoolleen isaa ogeessa fayyaa sammuu wajjin ta'uudhaan Deevid fudhachuuf murteessan. Hatani illee ta'u fiduuf walii galan.

''Maatiin isaa otoo hin dhaga'iin gara mana keenyatti wayita fidnu, qeensi harkaafi miilasaa dheeratee, xuraa'eera, isa qulqulleessuuf guyyoota nutti fudhate, areednisaa waan guddateef dhaabbii nama sodaachisu qabaateera.''

Yeroo ammaa Deevid hospitaalatti wal'aansa fayyaa argachuu erga eegalee ji'oota lama lakkoofsiseera. Maatiin isaas tokko ta'aniiru.