HIV namoota gameeyyii keessatti: 'HIV'n dhukkuba dargaggeessaa qofa akka ta'ettin yaada ture'

Namni umuriinsaa waggaa 59 ta'e Ashiliin yeroo dhukkuba garaa bu'aatiif yaala argachuuf gara hospitaalaa deemu innis ta'e doktoroonni HIV qabaata jedhanii hin yaanne.

"Isaan rakkoo hin qabdu nan jedhan, vaayirasiin qaama kee keessa jira- vaayirasiin hamaan qaama kiyya keessa akka jiru hin beeku ture", jedha Ashiliin.

Ashiliin erga saal-quunnamtii of eeggannoo hin qabne raawwatee waggaa sadi booda ture kan qorannoo HIV taasise.

Ta'us garuu vaayirasichi sirna ittisa dhukkubaa Ashilii miidhuu jalqabee ture.

"Baay'ee ifa hin turre."

Mudannoo isa mudate waan hin baratamne miti- akka 'Public Health England' ibseti bara 2018 keessa gameeyyii ganna 50 ol ta'an kudhan keessaa jaha qorannoo HIV yeroodhaan hin taasifne jedha.

"Namoonni ganna 50 ol ta'anii haadha warraasaanii waliin adda bahan dhukkubichaa hin saaxilamnu jedhanii yaadu," jedha Ashiliin.

"Sababni isaas namuu kana booda ulfa hin ta'u waan ta'eef, 'rakkoon hin jiru'.

"Sababani isaas dhukkubbiin sunneen dhukkubbii dargaggeeyyii waan ta'aniif. Ta'us garuu miti, dhukkubbiin kan nama hundaati."

'Dhukkubichaaf hin saaxilamu jettee yaadda'

Sagantaan Viiktooriyaa Deerbishiiree gabaasa 'Public Health England' irraa fudhateen akka ibsetti namoonni ganna 45 ol keessatti argaman saaxilamummaan dhukkubboota saal-qunnamtiin daddarbaniif saaxilamuunsaanii waggoota shan darban keessatti tokko sadaffaan dabaleera jedha.

Ogeessi fayyaa saal-qunnamtii Noorah O'Bireen akka jettetti namoonni gameeyyiin dhukkubichaaf saaxilamoo akka ta'an hin yaadan jetti.

Namni ganna 63 Kaaren Noortan jedhamu Afriikaa keessatti waggoota muraasa dura lakkofsi namoota HIV qabamanii akka dabalu kan taasise fakkeenyadha.

"Hedduun keenyaa saaxilamtoota akka taane fi nu mudata jennee hin amannu," jette.

"Ogeeyyiin namoonni ganna 50 ol dhukkubichaan hin qabaman ilaalcha jedhu qabu.

"Haati yookiin abbaan kee dhukkuba kana qabaata jettee yaaduu hin dandeettu- garuu yoo danda'ame."

Kareen ilaalchi namoonni isheef qaban ni jijjiirama jettee waan sodaataa turteed qorannoo taasisuuf yeroo dheeraa itti fudhateera.

"Miiraa iccitii gaarii hin taanee kan namatti himuu hin qabne wayii dhoksaa jirtutu sitti dhagahama," jetti.

"Yoo saal-qunnmatii of eeggannoo hin qabne raawwatte wanti kun si mudachuu danda'a. Ani fakkeenya lubbuun jirudha."

'Murtee du'aa miti'

Gabaasni ji'a darbe ifa godhame tokko akka agarsiisutti UK keessatti eega bara 2012 as lakkofsi namoota HIV'n qabamanii hir'ateera- keessumaayyuu namoota saala lama qabaniifi gaa'ila saala wal fakkaataa raawwatan keessatti.

Dabalataan dhaabbanni 'Terrence Higgins Trust' akka jedhetti xiyyaffannoon namoota vaayirasicha waliin jiraatan qofaaf osoo hin taane haawasa hundaaf kennamuu qaba jedha.

Aleed Osboorn dhaabbata namoota HIV waliin jiraataniif gargarsa kennurraa akka jedhetti namoonni ganna 50 ol HIV'n dhukkuba namoota saala wal fakkaataa ta'anii gaa'ila raawwatan qofa akka ta'etti yaadu. Kun yaada dogoggora qabudha jedhee amana jedha.

Nmaoonni gameeyyiin duula bara 80'oota fi 90'oota keessa HIV irratti taasifamaa ture ni yaadatu. Akkas ta'us waa'eesaa odeeffannoo gahaa ta'e hin qaban jedha.

"Yeroo ammaa kanatti HIV waliin jiraachuun akka murtee du'aatti hin ilaalamu. Yaala gahaa ta'e qabna," jedha.

'Hadhaa'

Namoonni qoricha farra HIV fayyadaman namoota biroo wlaiin wal bira qabamee yoo ilaalamu lubbuunsaanii balaa irra jira.

Ta'us garuu namoonni sadarkaa dhukkubichi sirna ittisaarratti miidhaa geessuu jalqabe isaan sadarkaa duraarratti yaala argatan waliin wal bira qabamanii yoo ilaalaman carraa dhukkubbichaan du'usaanii guddaadha.

Ashiliin yaala sadarkaa boodaa waliin rakkachaa jira.

"HIV qabaachuu kiyyatti hin gaddu. Homaa natti hin fakkaatu. Ta'us garuu saffisaan arguu dhabuusaaniiti kan na aarsu," jedha Ashiliin.