Godaantota: UK keessatti Kaffaltiin godaantotaa gadi bu'uuf

Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan yaa'ii kaabinee Jimaata dhufu gaggeessuuf jedhanirratti kaffaltii godaantotaa irratti rifoormii taasisuuf jiru.

Rifoormiin kun ka'umsa kaffaltii godaantotaa kan hir'isu ta'uu gamanumaan wantoonni akeekan jiru.

Yeroo amma godaantonni baratan kanneen Gamtaa Awurooppaa alaa dhufaniif kaffaltiin ka'umsaa paawondii 30,000.

Dhiyeenya gamticha keessaa kan baate UK'n ammoo kaffaltii ka'umsaa kana gara paawondii 25,600'tti hir'isuuf jetti.

Yeroon ce'umsaa UK'n Gamtaa Awurooppaa keessaa ba'uuf qabdu Muddee dhufu gaafa guyyaa 31,2020 xumuramnaan seerri kaffaltii godaantotaa hir'isuu kun kanneen Gamticha keessaa gara UK godaanan irrattis ni hojjeta.

Godaantonni gara UK seenan qabxii barnootaa fi dandeettii afaan ingilizii irratti hundaa'uun akka ta'e akeeka, karoorri haaraan kun.

Karoorri kun imaammata dhimma godaantotaa irratti ji'a darbe keessa Koreen Dhimma Godaantotaa UK yaada dhiyeesse hordofuun hojiitti hiikamuuf jedhaa jira.

Koreen kun imaammata walxaxaa dhimma godaantotaarratti UKn qabdu qeeqee ture.

Ministirri Muummee biyyattii tibba darbe wayita duula na filadhaa gaggeessaa turanitti godaantota qabxii barnootaarratti hundaa'uun kan fudhatan ta'uu ibsanii turan.