Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akka addunyaatti godaantota hedduu kan qabu biyya kamidha?
Dhimmi godaansaa dhimma jaarraa keessa jiru kana keessatti waan hunda caalaa yaada namootaa hiredha.
Haata'u garuu, dhimmoonni guutummaa addunya irratti godaansaaf sababa ta'an tokko tokko kan isin ajaa'iban ta'uu malu.
Gahee xiqqaa
Fakkeenyaaf, baayyina uummata addunyaa kana keessaa %4 kan ta'an biyya keessatti dhalataniin ala akka jiraatan beektuu?
"Waa'ee namoota gara biyya tokkootti heddumminaan godaananii waanti odeeffamu baayyeetu jira, garuuu lakkoofsi isaa kan agarsiisu waanta biraadha," jechuun ogeessi uummataa Firench Gilles Pison BBC tti himeera.
Pirson akka jedhutti ilaalchi godaantota ilaalchisee jiru odeeffannoo duraan beekamu irraa adda ta'uu danda'a.
Inni fakkeenya kan ofiidhuma isaa Rakkoo Godaansa Awurooppaa 2015 jechuun moggaase sababa tasgabbii dhabuu Baha Giddu-galeessaaatti Walwaraansa Siiriyaatiin uumamee ture fayyadame.
"Hangam guddaa ta'ullee, keessattii Awurooppaa keessatt, godaansi bara 2015 keessa walitti bu'insa Baha Giddu-galeessaattiin uumamee ture hagas mara baayyina godaansa akka addunyaattti jiru hin jijjiirre," jedha Pison.
"Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka jedhutti bara 2017 keessa godaantonni miiliyoona 258 akka ta'an kan tilmamamu yommuu ta'u kun ammoo baayyina uummata addunyaa keessaa xiqqaadha (%3.4)."
"Kanaaf, waggoota dhiyoo keesa lakkoofsi godaantotaa xiqqoodhuma dabale - waggoota 30 dura, bara 1990 keessa, %2.9 kan ture yommuu ta'u bara 1965 keessa ammoo %2.3 ture. Kan jijjiirama agarsiise tarii waggoota 100 keessatti," jedha ogeessi kun.
Yunaayitid Isteet akka ragaa bara 2015 irraa fudhatameen uummata biyya isheetti godaanan akka addunyaatti tokkoffaa qabdi. Kunis uummata miliyoona 49.8 kan ta'anidha.
Kun ammoo baayyinsa biyyattii waliigalaa keessaa xiqqoodhuma %15 ol kan ta'udha.
Parsantaa baayyina uummataa waliigalaa qabduun walbira qabuun ilaaluun garuu Yunaayitid Arab Imirat (UAE) hundumaan olidhagodaantonni miliyoona sadetti ta'an baayyina biyyattii keessaa %88 kan qabatanidha.
Waan haaraa
Kun kan agarsiisu UAE'n hojjetoota leenjii qabaniifi hin qabneef humna biyya alaa irratti hundoofti.
Qoranichi akkaataa biyya gara garaatiin godaantonni akkam waggoota kurnana darban keessa akka jijjiiramaa jiru agarsiisa.
Waggoota kurnan darban keessa, godaansi gama bantii kaabaatii gara warra iyyeeyyii qarqar Kibbaatti kan turedha.
Yeroo ammaa kana ammoo, akka qorannoon Pison agarsiisutti, godaansi guddaan kan kibbaa garuma kibbaatti taasifamu yommuu ta'u- namoonni biyyoota guddataa jirn keessatti dhalatan biyyuma guddataa jiranitti godaanaa jiru.
Bara 2017 keessa, lakkoofsi garee kanaa kan duraan biyyoota iyyeeyyii ta'an irraa gara warra iyyeeyyii ta'anitti taasifamaa ture caala.
Biyyoota 10 godaantota hedduu qaban keessaa Awurooppaan biyyoota sadii qabdi: Siwiizerlaand, Yunaayitid Kingidamiifi Ispeen.
Garuu akka qorannoon kun agarsiisutti, Ispeen biyyaa itti godaanamu haaraadha.
Biyyoonni uummanni hedduu keessaa godaanan hoo?
Baayinna namoota biyya isaanii keessaa dhiisanii godaanan yeroo ilaalamu Hindiin kan dursu hin jiru. Uummata biyyattii keessaa miliyoona 16 kan ta'an biyya biraa keessa jiraatu. Kun ammoo baayyina uummataa biyyattii keessaa %1 ol jechuudha. Sadarkaa lamaffaadhaan kan itti anu ammoo Meksiikoodha (namoonni miliyoona 12.5 ta'an ykn namoota 10 keessaa tokko) biyyaa godaananiiru.
"Kaayyoon qorannoo kanaa biyyi kamiyyu akka imaammata godaansaa isaanii maal akka hojjetaniif miti garuu lakkoofsi jiruuf bifa maalii akka qabu agarsiisuudhaaf jedhameeti," jedha qorataan Fireench kun.
"Biyyoota hedduutti dhimmi godaansaa dhimma qalbii hawwatuufi sodaa sababiin kana hin jedhamne qabudha."