Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaa: Miseensi paarlaamaa kilaba keessatti namticha muuziqaa taphachiisu rasaasaan dhahuun to'annoo jala oolan
Poolisiin Keeniyaa miseensa paarlaamaa Baabuu Owwinoo jedhamu iddoo bashannanaa halkanitti, nama muuziqaa taphachiisu rasaasaan erga dhahee booda to'annoo jala oolchuu beeysise.
Poolisiin dhimmicharratti odeeffannoo dabalataa kennuu baatus, Baabuun fuula Facebook isaa gubbaa waan jedhu, miseensi paarlaamaa kun erga namootaan marfamanii booda ofirraa ittisuuf dhukaasaniiru jedha.
Miseensa paartii mormituu ODM kan tahan Aabba Baabuu, ''mormitoonni koo dorsisaafi yaalii ajjeechaa narraan gahaa jiraachuu poolisiif irra deddeebiin gabaaseera.
Taateen ammaas kanuma waliin kan walqabatudha. Dargaggoonni aaraniifi heddummina qaban marsan.
Achiis dhukaasni baname,'' jedha ibsi Aabba baabuun kennameera jedhamee fuula Facebook isaanii gubbaa bahe.
Aabba Baabuun kana yaa jedhan malee, viidiyoon kaameeraa nageenyaan (cctv) waraabame garuu wanti mullisu waan dhibiiti.
Kaameraa biraarraa viidiyoon argame ammoo, dargaggeessa rukutame kana harkisaa yogguu bahan agarsiisa.
Dargaggeessi rukutame kun gara hospitaalaatti geeffamee yaaliin taasifamaafi kan jiru yogguu tahu, haalli keessa jiru hin beekamu.