Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teenisii: Seerenaa Wiiliyaams waggaa sadii booda dorgommii injifatte
Seerenaa Wiiliyaams erga haadha taatefi waggaa sadii booda yeroo jalqabaaf dorgommii Jeesikaa Peegulaa waliin ture injifatteetti.
Kunis dorgommii bara 2017 Awustiraaliyaa Oppin injifattee as kan jalqabaati.
Seerenaa Wiiliyaamas dorgommii Teenisii Dubartootaa Addunyaa waggootaaf taasifterratti bara 2018fi 2019 keessatti Wiinbeldaniifi US irratti injifatamte booda bara 2019 dorgommii Rogers Cup Final irraa soorama baate.
Isheenis badhaasa maallaqaa dorgommichaarraa aragattu hunda miidhamtoota balaa ibidda bosonaa Awustiraaliyaatiif kenna jetteetti.
"Waggoota dheeraadhaaf taphachaa ture akkasumas waan jaaladhu hojjachaa turuu kiyyaaf baay'ee gammada, " jette Seerinaan.
"Akkanatti fayyaa guutuu qabaadhee taphachuu kiyyaaf baay'een gammada."
Dorgommiin Awustiraaliyaa Oppin Amajjii 20 jalqabama. Kanaan dura dorgommii kanarratti Seerinaa Wiiliyaams riikordii 24 cabsiteetti.
Seerinaan dorgommii idil addunyaa jalqabaashee Guraandhala 1999 morkattuushee lammii Faransaay Amelie Mauresmo injifachuudhaan.
Dorgommii Akulaand irratti suuta taphachuu kan jalqabde Wiiliyaams; morkattuusheetiin 3- 1 durfamaa turtus taphoota itti aana shan irratti gahumsa gaarii agarsiisuun irra aanteetti.
Isheenis dorgommicha booda intalashee yeroosheen dorgommiishee kan xumuraa Meelborn keessatti taasiftee injifattu ulfa ji'a saddeetii kan turte waliin dirree keessatti gammachuushee ibsatteetti.