Ispoortii: Maaratoonii fiiguun 'onneen dafee akka hin dulloomne taasisa'

Fiigicha maaratooniif shaakaluun ykn fiiguun arteeriin onnee nama kanaa akka caalatti dhisu danda'u taasisuun umurii onnee ykn 'vascular age' irraa waggaa afur hir'isuun onneen dafee akka hin dulloomne taasisuu akka danda'u qorannoon ni ibsa. .

Qorattoonni Bartis fiYunivarsiitii kolleegii Landan namootaa maaraatoonii Landan irratti hirmaachuuf shaakalan 138 irratti qorannoo taasisaniiru.

Shakalli baatii ja'aa keessatti, aartariin isaanii akka umurii dargaggummaatti dhisu danda'eera, kun immoo yaaddoo dhibee dhukkuba onnee fi istirookee hir'isuu danda'a.

Dhibbaan dhiigaa isaanii ammoo akka nama qorichaa fudhateetti hir'isuu danda'eera.

Namootni kana dura ispoortii kessaatti hedduu hin hirmaanne fiigicha kanarraa bu'aa guddaa argatu jedha dhaabbati qorannoo kana deeggare 'British Heart Foundation' (BHF).

Namoota qorannoo irratti himaatan kana km 42 fiigaanii fixuuf saatiii afuriifi walakkaa hanga shaniifi walakkaa gidduu itti fudhate.

Yeroo hedduu ta'uu baatus namootni dhibee onnee qaban maaraatoonii fiiguuf utuu yaalanii kan du'an jiru.

Yeroo maaraatooniif shakalannitti guyyaa dorgommii sanaa ji'ootaan dursanii shakkallii jalqabuun garii akka ta'e ni gorsoma.

Guyyaa shakalli fiigicha jiddu jidduutti boqochuun mashaan akka booqotee jabaatu taasisa.

"Bu'aan ispoortiiraa argamu kan haalamuu miti," jedhu dhaaba BHF irraa Prof Metin Avkiraan.

"Isportii hojachuun yaaddoo dhibee onnee adda addaafi carraa du'a yeroo malee hir'isuu danda'a"