Badhaasa CAF bara 2019 eenyutu injifata: Mo Saalaah, Saadiyoo Maanee moo Riyaad Maahireez

Madda suuraa, Getty Images
Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (Caf) taphataa cimaa Afrikaa bara 2019 Masirii, Hurgaadaatti ifa taasisa.
Lammiin Aljeeriyaa Maanchistar Siitiif taphatu Riyaad Mahereez, taphattoota Livarpuul Saadiyoo Maaneefi Mohaammad Saalaah wajjin badhaasaaf morkata.
Maane fi Mo Saalaan kilabii Livarpuul waancaa Awuroooppaafi Waancaa kilaboota addunyaa akka injifatuuf gargaaraniiru.
Jifataan lammii Masirii Saalaan marsaa sadaffaaf walitti aansee injifachuuf dorgomaa jira.
Maahareez Aljeeriyaa dursuun bara 2019 Masiriitti dorgommii biyyoota gidduutti taasifame milkaa'eera. Maaneen immoo, Senegaal dorgommii xumuraaf akka qaqqabdu ya gargaare.
Lakkoofsi dubartoota maqaan isaan tarreeffames sadiitti gadi xiqqaatera.
'Ajara Nchout' lammiin Kaameruun, Lammiin Naayijeriyaa Asisaat Oshowaalaa fi Thembi Kgatlana lammiin Afrikaa Kibbaa waliin falmatu.
Taphataa cimaaf cimtuun baranaa xumurarratti leenijsaa/stuu bara kanaatiin filatamu.
Leenjistoonni kunis dursaa leenjistootaa, daarektara teekinikaa ykn gameeyyii biyyoota garaagaraa dursaniifi miseensummaa waldaa CAF qabaniin xumurarratti filatamu.
Tartiibni isaanii asii gaditti tarreeffameera.
Taphataa cimaa baranaa, dhiiraan:
- Mohaammad Saalaah (Masirii & Livarpuul)
- Riyaad Mahereez (Aljeeriyaa & Maanchistar Siiitii)
- Saayidoo Maane (Senegaal & Livarpuul)
Taphattuu cimaa baranaa, dubartootaan:
- Ajara Nchout (Kaameruun & Valerenga)
- Asisat Oshoala (Naayijeriyaa & Barseloonaa)
- Thembi Kgatlana (Afrikaa Kibbaa & Beijing Phoenix FC)
Taphata dargaggoo cimaa Afrikaa baranaa:
- Achraf Hakimi (Morokoo & Borusiyaa Dortmond)
- Samuel Chukwueze (Naajeriyaa & Villarreal)
- Victor Osimhen (Naajeriyaa & Lille)
Leenjistoota garee warreen dhiiraa Afrikaa baranaa:
- Aliou Cisse (Senegaal-Senegaal)
- Djamel Belmadi (Aljeriyaa - Aljeriyaa)
- Moïne Chaâbani (Tuniziyaa- Esperance)
Leenjistoota dubartoota Afrikaa baranaa:
- Alain Djeumfa (Kaameruun)
- Desiree Ellis (Afrikaa Kibbaa)
- Thomas Dennerby (Naajeriyaa)
Garee biyyolessaa dhiiraa Afrikaa baranaa:
- Aljeeriyaa
- Madagaaskaar
- Senegaal
Garee biyyolessaa dubartoota Afrikaa:
- Kameruun
- Naayijeeriyaa
- Afrikaa Kibbaa















