Halleellaa Keeniyaa: Haleellaa Kaawuntii Laamuutti raawwateen namoonni sadii ajjeefaman

Otobisii Keeniyaa magaalaa Mombaasaa irraa gara Kaawuntii Laamuu imalaa ture irratti haleellaa hidhattootaan banameen namoonni sadii ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii himan.
Akka maddeen aanga'oonni mootummaa Keeniyaa, haaleellaan kun kan qaqqabee dhiheenya daangaa Somaaliyaatti ture.
Kana malees namoonni lama miidhaan irra qaqqabuun kiliinikaa naannichaatti wallaansa argataa jiraachuu poolisiin naannichaa ibseera.
Otoobisichis Mombaasaa irraa ka'uun imalaa osoo jiru ture Kaawuntii Laamutti xiyyeeffannaa namoota amma funyaanitti hidhatanii erga dhaabsifameen booda rasaasa kan itti roobsan.
Eenyummaan hidhattootaa adda kan hinbaafamiin yoo ta'u, garuu biyyattii keessatti hidhattoonni garee miliishota al-shabaab haleellaa hedduu raawwachunsaanii ni yaadatama.
Aanga'oonni naannichaa akka jedhaniittis, humnootiin nageenyaa namoota halleellaa raawwchuun baqatan hordofaa jiru.
Keeniyaan garee al-Shabaabaa Somaaliyaa keessatti argaman waraanuuf mootummaa UN'n gargaaramuun loltootashe ergite jirti.
Gabaasawwan garee basaasaa irraa al-Shabaab haleellaa raawwachu danda'a kan jedhuun wal qabatee, biyyattiin tibba ayyaana qillee fi bara haaraatti ofi eegannoo cimaarra turte.












