Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaamaal Kaashoogjii: Ajjeechaa gaaxezessaa walqabateen namoota shanirratti du'a murteessite
Manni murtii Saawudii Arabiyaatti argamu tokko ajjeechaa gaazexessaa Jaamaal Kaashogjii bara darbee raawwatameen walqabatee namoota shan irratti du'a murteessuu isaa, abbaan alangaa biyyattii beeksise.
Kaashogjii gaazexessaa motummaa Saawudii qeequun beekamu, gareewwan ergamtoota Saawuditiin mooraa Imbaasii biyyatti kan biyya Tarkii Magaalaa Istaambul keessaatti ajjeefame.
Abbaan alangaa Saawudii akka jedheetti, kunis bu'aa ''gocha gara jebiinaan guutame'' jechuun namoota kan biraa maqaan hineeramiin 11 himannaa irratti baneera.
Eksipartiin dhaabbata motummoota gamtomanii tokko ammoo ''ajjeechaa osoo seeraan itti hinmurtaa'iin'' raawwatameedha jedheeniira.
Barreessaan addaa Angas Kaallaarm ajjeechaa kanaan walqabatee Ilm Mootiin Saawudii bin Saalmaan akka qoratamuuf gaafatee ture.
Ilmi motichaa garuu gochicha keessaa harka qabaachuu kan haale yoo ta'u, garuu ammoo Onkololeessa keessa akka ogganaa Saawudii itti gaafatamummaa guutuu akka fudhatu himaee ture.
Walumaa galattis, ajjeechaan gaazexessaa kunis addunyaa guutuutti mata duree dubbii ta'ee kan ture yoo ta'u, motummaa Saawudii irrattis qeequumsa olaanaa qaqabsiiseera.