Jamaal Kaashogjii: 'Ilmi mootii Saawuudii qoratamuu qabaata'

Ragaaleen ajjeechaa Jamaal Kaashogjii ilma mootii Saawudii Mohaammad Bin Saalmaan wajjin wal qabachaa waan jiruuf qoratamu qabaatu jettiin ogeettiin Mootummoota Gamtoomanii tokko.

Barreessitu addaa dhaabbaticha kan taate Agnes Callamard ragaaleen argatan akka mul'isanitti, qoranniichis ballinaan qaama idil addunyaa bilisaa fi kan loogi maleessa ta'een akka gaggeefamu gaafataa jetti.

Ergamtoonni Saawudii, gaazexessicha dallaa Embaasii Sawudii kan Istaanbulitti argamu keessatti ajjeessan.

Anga'oonni Saawudiis ajaja ilma mootichaa, Mohaammad Bin Salmaaniin, ajjeechichi akka hin raawwanne himaa turaniiru.

Mootiin galoo galaanaa kunis ajjeechaa Kaashogjiin wal qabatee namoota adda hin baafamiin 11 himannaa kan irratti banee yoo ta'u shanan isaanii irratti murtee du'aa gaafataa jira.

Haa ta'u malee, Ms Callamard akka jettuutti, adeemsi himannichaa kan sadarkaa idil addunyaa hin guunnee waan ta'eef akka adda cituuf waamicha dhiyeesite jirti.

Ministirri Dhimmoota haajaa alaa Saawud Araabiyaa, Adel al- Jubeir gabaasicha kuffiisuun ergaa tiwiitaraatiin 'kun omaa fi waan haaraa kan hinqabanneedha' fi himannaa ka'umsa qabatamaa fi bu'ura hinqabneedha jedheera.

''Dhimma Kaashogjii ilaaluuf gahumsa kan qabuu fi bilisummaa guutuun hojjachu kan danda'u mana murtii Saawudii qofaadha,'' jedhaniiru.

Jamaal Kaashogjii attamiin ajjeefamee?

Gaazexessaan umuriin 59 fi gaazexaa 'Washington Post' Ameerikaatti bu'urraaffateef barreessa ture mootii Mohaammad qeequun beekama ture. Innis Onkololeessa 2 darbe imbaasi Saawudii Tarkii dhaquun hirriyaasaatiin gaa'ila dhaabbachuuf waraqaa argachuuf ture.

Ms Callaamaard ibsa isheetiin 'Kaashogjiin gara jabeenyaan Embaasicha keessatti ajjeefamee' jechuun ibsiitee jirti.