Bareedduu Addunyaa 'Miss Universe': 'Tarii fuulli dubara xiqqoo fuula koorraa mul'ata'

Zozibini Tunzi

Madda suuraa, Getty Images

'Ani kanan guddadhe dubartoonni na fakkaatan, gogaafi rifeensa mataa kankoo fakkaatu qaban tasumaa miidhagduudha lafa hin jedhamnetti'

'Guyyaan sun har'aa qabee hin jiraatu' dhaamsa jedhu bareedduu addunyaa baranaa ta'uun kan gonfoo miidhaginaa keewwattee lammii Afrikaa Kibbaa Zoziibiinii Tunziitu dubbate.

Dorgommii miidhaginaa kanarratti dubartoota biyyoota addunyaa 90 oliitu hirmaate. Dorgommiin midhaginaa kun Ameerikaa kutaa bulchiinsa Atilaantaatti Dilbata darbe gaggeeffamee ture.

Zoziibiinii morkattootashi kan Portoorikoo, Maadisan Andersan fi lammii Meeksikoo Soofiyaa Aragoon xumura irratti injifachuun goolabame.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Presentational white space

Dorgomtoonni dorgommii xumuraaf qaqqaban gaaffii jijjirama qilleensaa, mormii fi miidiyaalee hawaasaan wal qabatus gaafatamaniiru.

Zoziibiiniin shamarree ganna 26 yoo taatu ijoollee durbaa ol adeeman maal barsiisuu qabnaa jedhamtee gaafatamte.

Deebiin ishees hooggantummaa kan jedhu ture.

'Ijoolleen durbaa ol adeemaanii fi dubartoonni waan ittiin guddatan dhabanii otoo hin taane ykn waan hin barbaanneef miti garuu hawaasni keessatti guddanne akkas nuun jedha.

'addunyaarrattu humna nuti qabnu kan qabu hin jiru, waa hundarratti carraa argachuu qabna. Anis ijoollee durbaa ol adeeman kana barsiisuu qabna jedheen yaada.'

Zozibiniin dubartii gurraatti yeroo jalqabaatiif erga Leyila Looppes bara 2011 injifattee as dorgommii miidhaginaa injifatte.

Lammiin Angoolaa kanaan dura injifattes toora Instagiraamiirratti 'baga gammadde nu boonsitee' jetteen.

'Gammachuu keessa akkan darbu galgala kana balballi banameera, jettee injifachuu ilaalchisee akka barreeffaman ibsattu gaafatamnaan.

'Ijoolleen durbaa xixiqqoon ta'ii kana argan hundi humna abjuu ofiitti amanuun qabu fuula koorratti argu ta'a'

Miidhagina uumamaan tumsa jetti Zozibiniin

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhagina uumamaan tumsa jetti Zozibiniin

'Maqaan koo Zozibinii Tunzii miidhagduu addunyaa bara 2019 ta'uu koo wayitan himadhuu ittin boonas' jette haasofte.

Kana malees miidhaa koorniyaan walqabatu ittisuurrattis akka hirmaattu himteetti.

Miidiyaalee hawaasaa fayyadamuun himamsafi qoodinsa koorniyaan wal qabaturratti nan duula jette.

Badhaasa ammamii bareedduun addunyaa kun akka argattu hin ibsamne garuu, Zozibiin appaartamaa magaalaa Niwuyorkii keessa waggaa tokkoof kiraa manaa otoo hin kaffalle jiraachuu dandeessi, kana malees mindaa doolara 100,000 (£76,000)argatti.

Biyyoota addunyaarras hojii modeeliing fi miidiyaatiif imaluuf carraa argatti.

Dorgommii midhaginaarratti qeeqni dhiyeenyatti dhaga'amaa jiru haadholiin(dubartoonni daa'ima horatan) dorgommirraa dhorkamuusaaniti.

Lammiin Yukireen haati daa'ima tokko ganna 24 bareedduu Yukireen turte ilma dhiiraa qabaachuun ishee erga mirkana'ee booda qindeessitoota dorgommiin dhorkamte. Imaammata kana karaa seeraan himachuuf murteessuutu dhaga'ame.