Fayyaa: Kiniiniin karoora maatii ji'atti al-tokko fudhatamu yaaliirra jira

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni kiniinii karooraa maatii ji'atti al-tokko fudhatamu oomishaniiru.
Kunis dubartootaaf filannoo hedduu akka qabaataniifi carraa dahuumsasaanii ofiisaaniitiin to'achuu akka danda'an isaan gargaara jedhu.
Yoo al-tokko liqimfame, kiniinichi torbee hedduuf garaa keessa kan turu yoo ta'u, suuta suutaan ulfa ittisuuf hormooniisaa gad dhiisa.
Keessumaayyuu asiidii garaachaatiin dafee akka hin hubamne ta'eeti kan hojjetame.
Gareen qorannoo US kun gargaarsa maallaqa Faawundeshinii Biilfi Meelindaa Geetes irraa argateen hojjete.
Kiniinichis booyyee irratti kan yaalame yoo ta'u waggoota muraasa keessatti namaarratti akka yaalamu abdiin jira.
Dubartoota qorichoota karoora maatii bifa kiniiniitiin fayyadamuu barbaadaniif filannoo gaarii akka ta'u ibsuun, sodaasaanii garuu guyyaa guyyaati kan fudhatamu waan ta'eef dubartoonni haalan yaadatanii fudhachuu dhabuu danda'u kan jedhudha.
Kiniinichi hammam bu'aa qabeessadha?
Idil-addunyatti dubartoota miiliyoonatti lakka'aman qorichi karoora maatii kan liqimfamu yookiin afaaniin fudhatamu fayyadamu.
Kiniiniin kunis %99 ulfa kan ittisa, dubartoota dhibba keessaa dubartii tokko qofatu ulfaa'a jechuudha.
Qorannoon akka agarsiisutti garuu dubartoonni walakkaan sa'aatii sirrii hin taanetti yookiin hanaga isaa dogongoruun fudhatu jedha.

Odeeffannnoo walitti dhiyaatan kana keessaas dubbifadhaa:

Kun ammoo bu'aa kiniinichaa gara %91 gad buusa, kana jechuunis dubartoota dhibba keessaa dubartoonni sagal ni ulfaa'u jechuudha.
Karoorri maatii yeroo dheeraa ni jiru garuu kiniiniin ji'atti al-tokko fudhatamu hamma ammatti tokkollee hin jiru.
Qorichi ji'atti al-tokko fudhatamu kun akkamitti hojjata?
Qorichi kun liqimsuuf kan hin rakkifneefi akka salphatti kan bulbulamuudha.
Eega gara garaa seenee booda suuta suutaan qolasaa ofirraa gatuun hormoonii qaama kiniinirra jiru san gad dhiisa.
Boca addeessaa waan qabuuf hatattamaan hormoonii gad hin dhiisu, kanaafuu torbee muraasaaf achi tura; san booda hojiisaa eega hojjatee booda caccabee qaama keessaa baha.
Dr Giovanni Traverso yunivarsiitii Harvaard irraafi doktoroota qorannoo kanarrati hirmaatan keessaa tokko yoo ta'an akka jedhaniiru: "qorannoon keenya akka agrsiisutti caccabuu qaama kiniinii yookiin bullaa'uufi dadbarsa nyaataarratti rakkoon tokkollee hin jiru.
Nageenyummaa qorichaa haalaan ilaallee jirra."
Kaampaaniin 'Lyndra' jedhamu gargaarsa faawundeeshinii Geetes irraa argatuun kiniinii karoora maatii boca addeessaa qabu kana heddu oomishaara.
Dhukkubsatoota irratti kiniinii boca addeessaa qabu kan kanaan walfakkaaturratti yaalii jalqabeera. Yaalii kanaanis nageenyummaa qorichichi qorichoota biroo kan akka qorichoota busaa waliin qabu ilaalaa jiru.
Ogeeyyiin maal yaadu?
Dr Diyaanaa Maansuur damee Kunuunsa Fayyaa Walhormaataarraa akkasa jedhan: "kiniinii karoora maatii ji'atti al-tokko fudhatamu hawwataafi filannoo qorichoota karoora maatii bal'isuu guddaa qaba."
"Yaad-rimeedhaan, qorichi karoora maatii ji'aa qorichoota karoora maatii amma jiran irra bu'aa qabeessadha, kunis
"Ta'us garuu qorichoonni kunneen ammas sadarkaa yaaliirra jiru. Qorichoota kanneen irratti qorannoo hedduu akka jiraatan barbaanna."
Anaatoolee Menoon-Joonsan waldaa gargaarsa 'Brook' irra akkas jettee: "Filannoo karoora maatii qabaachuu keessatti kun waan guddaadha. Hamma danda'ameen filannoo heddu qabaachuuf gargaara."

















