Gaanaatti barnoonni sirna saal-quunnamtii mormii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Biyya Gaanaa keessatti Barumsa Waliigalaa Dhimmoota Saal-qunnamtii (Comprehensive Sexuality Education (CSE)) jedhamu daa'imman umuriin isaanii waggaa afur ta'aniif sagantaa barnoota sadarkaa tokkoffaatti akka kennamuuf karoorfame maatiifi gareen warra Kiristaanotaa morman.
Aanga'oonni barnootaa Gaanaa akka jedhanitti sagantaan UNESCO kun odeeffannoofi hubannoo dhimmoota saal-qunnamtiifi fayyaa walhormaata daa'imman qaban cimsa.
Daarektarri Tajaajila Barnootaa Gaanaa CSEn "ilaalcha qajeelaa akka horatan, sammuu banaa akka qabaatan, ofii isaaniifi kan biroof kabaja akka qabaatan, akkasumas saal-qunnamtiifi fayyaa walhormaataa ilaalchisee akka warra namatti quba qaban hin taaneef," gargaara jedhu.
Haata'u malee, Gaanaa keessatti gareen dhiibbbaa uumuu danda'an, sagantaan kun maqaa ijoollee barsiisuutiin akka isaan waan fokkuu akka wantota warreen jaallattoota saalaan walfakkaatanii sammuu keessatti horatan gochuudha jedhu.
"Kun tooftaadha - isaan karoora qabu. Isin karoora isaanii akka argitaniif banaa miti," jedhan Moses Foh Amoaning.
Garee dhimma kana mormaa jiran keessaa tokko Qindoomina Biyyaalessaa Mirgoota Saal-qunnamtii Dhala Namaa Sirrii ta'eefi Dudhaawwan Maatiidha.
Akka qindoomina kanaatti barmaanni jaalattoota warra saala walfakkaatoo cubbuudha.
Maatiiniifi gareewwan warra Kiristaanotaa kun ijoolleen umurii gadi aanaa kanarra yeroo jiranitti maaliifi osoo umuriin isaanii hin ga'iin barnoota sirna saal-qunnamtii akka bartan gochuun maaliif barbaachise jechuun gaafatan.
Karoora barnootaa kanaanis kun "hojii seexanaati" jechuunis balaaleffataniiru.
Gaggeessitoonni Waldaa Barsiisota Gaanaa gama isaaniitiin sagantaa barnootaa karoorfame kana qopheessuurratti namni isaan gaafate hin jiru jedhu.
Haata'u malee, gocha ta'e kana ammoo beeksisa baasuun balaaleffataniiru.
Sagantaan CSE seektera barnootaa keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin erga irratti mariiyatamee booda ture kan hojiirra oolu.

















