Bidiruun dhidhimuun godaantoonni 57 du'uun himame

Qarqara galaana Moritaaniyaatti bidiruun godaantootaa tokko erga dhidhimtee booda yoo xinnaatee lubbuun 57 darbuu, Ejansiin Godaantootaa Mootummoota gamtomanii beeksiise.

Bidiruun amma balaan bishaan keessatti dhidhimuu mudate tunis torban tokkoon dura godaantoota 150 qabachuun Gaambiyaadhaa kan kaate ta'ushee, Dhaabbanni Baqattootaa Idil Addunyaa (IOM) beeksiise.

Kanneen lubbuun hafan UN'tti akka himaniitti, wayita qarqara Moritaaniyaatti dhiyaachaa turanitti bidiruun boba'aa fixattee turte.

Imalli galaanaa balaafamaan Afriikaa Lixaa kunis godantoota Awuroppaa gahuuf yaalaniif daandii isa mummee ta'ee ture.

Haa ta'u malee ammaan tanatti Libiyaatu bakka godaantonni gara Awurooppaatti imalan irraa ka'aniif mummee ta'un beekamaa jirti.