Meeksikootti lafeen gosa arbaa bara durii 'maamazi' jedhamu argame

Ilkaan gosa arbaa bara durii 'maamazii'

Madda suuraa, EPA

Lafeen gosa arba gaafaa bara durii maamazii jedhamu ykn wulii maamaz jedhaman 14 Meeksikoo kiyyoo namootni wagga 15,000 dura ijaaran keesssatti argameera.

Boolli lamaan magaalaa Tultepeek keessatti argaman kiyyoo maamazii yeroo jalqabaaf argaman ta'uu aangaa'ootni ni dubbatu.

Adamsitoonni bara durii ibiddaafi muka fayyadamuun bineensota kana kiyyootti ofanii jedhamee yaadama.

Lafeen maamazii 800 dhiyeenya argaman kun, dhalli namaa bineensa bayyee guddaa kana akkamiin akka adamsaa ture irratti hubannoo keenya geeddaru danda'a.

Dhaabatti Qorannoo Seenaafi Hambaa Biyyaleessa Meeksiko (INAH) kaaba magaalaa Meeksikoo Siitiitti kiyyoon dabalataa argamuu danda'a jedhu.

Arkiyoolojistoonni dhalli namaa durii maamazii kan ajjeesu yoo bineensii kun ofii midhamee ykn danqame jiraate qofa jedhani amanu ture

Argannoon kiyyoo namtolchee INAH'tiin taasifame garuu bineensi kun karooran adamsamuu akka hin oolle ibsa.

Boolli lamaan kun gad fageenya m1.7 fi bal'ina m25 kan qabanidha. Qorannoon naannichaa ji'oota kurnan darbaniif gaggeeffamaa ture.

lafee maamazii argaman

Madda suuraa, AFP / INAH

Ibsa waa'ee suuraa, Lafeen tokko tokko mallatto adamsamuu isaani agarsiisa.
Lafee maamazi

Madda suuraa, AFP / INAH

Ibsa waa'ee suuraa, Maamaziin gosa Arbaa amma jiran waliin wal qixa jedhamee yaadama.
hambaa lafee maamazii

Madda suuraa, AFP / INAH

Ibsa waa'ee suuraa, Lafeen bakkichatti argaman 824 ta'u
Lafee buqqee mataa fi ilkaan maamazii

Madda suuraa, EPA

Presentational grey line