Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iboolaa: Gaazexessaa DR Kongoo manasaatti ajjeefame
Gaazexessaan lammii DR Koongoo waa'ee vaayirasii Iboolaa irratti hubannoo hawaasaa cimsuun hojjataa ture manuma isaatti ajjeefamee argame.
Raayyaan biyyatti akka himeetti, gaazexessaan Papy Mumbara Maahaambaan manauma jireenyaa isaa kan Lwebmaa, Kaaba Baha ganda Ituriitti argamu keessatti namoota eenyummaan isaanii hinbeekamneen ajjeefame jedhe.
Haadha warraa isaarraan ammoo miidhaa qaqqabsiisuu akkasumas mana jireenyaasaanii gubus himeera.
Biyyi DR Kongoo balaa Iboolaa addunyaarratti isa hamaa jedhame lammaffaa mudateera.
Yeroo baayyees namoonni ittisa tatamsa'ina dhukkuba kanaarratti hojjatanis xiyyeffannaa halleellaa keessa galu.
Gabaasaan 'BBC World Service' Wiil Ross akka jedheetti, waggaa darbe keessa qofa dhaabbilee fayyaafi namoota tatamsa'ina Iboolaa irratti hojjatan irratti halleelaa hedduutu raawwate.
Halleellaan kunis namoota vaayirasiin Iboolaa jiraachuun isaa soba jechuun amananii namoota damee kanarra hojjatan irratti kan raawwatamuudha.
Fakkeenyaa wayita dhaabbanni fayyaa qophii addaa raawwachuu dhiisanii sirna awwaalchaa of eeggannoo qabu akka raawwataniif waamicha taasisuu, hawaasni baayyee mufata.
Sirriiyyu namoonni tokko tokko Iboolaan taatee namoonni wallaansaa akka kanfaltii olaanaa argataniif uumaniidha jechuun hanga amanuurra gahaniiru.
Maaltu uumame?
Guyyaa halleellaan Mr Maahaambaa irratti raawwatameetti sagantaa hubannoo Iboolaa cimsu tokko raadiyoo irratti hojjate ture.
Duula Ittisa Iboolaa irratti qindeessaa biyyaaleesaa kan ta'e Prof. Steve Ahuka, ''hojjattoonni hawaasaa'' duula ittisa Iboolaa keessatti hirmaataa ture ajjeefamuu ilaalchisee kan Raayyaan ittisa biyyatti himee mirkenneesseera.
Dhaabbata Raadiyoo Lwembaa jedhamu kunis, kan gaazexessaan kun hojjataaf tures haala kan mirkanneesseera. Jaakoos Kaamwinaa eejjansii oduu AFP'tti akka himeetti Maahaambaan reebamee ajjeefameera jedhe.
Haalli Iboolaa DR Koongoo keessaa maal fakkaata?
DRC Hagaya bara 2018 keessa ture tatamsa'ina Iboolaa kan labsite. Ergasii asiis namoonni kuma lamaa olii lubbusaanii kan dhaban yoo ta'u kanneen kuma sadii ta'an ammoo vaayirasichaan faalamuunsaanii mirkannaa'eera, akka dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti.
Tatamsa'inni dhukkuba kanaas biyyatti keessattu bulchiinsoota Kaaba bulchiinsa Kivu, Kibba Kivuu fi Iturii miidhaa jira.
Ibsa dhaabbanni fayyaa Addunyaa baatii Adoolessaa keessa baaseen, haalli bakkeewwan kanneen keessa jiru ''dhimma fayyaa hawaasaaa arriifachiisaa addunyaa yaaddeessuudha'' jedheera.
Yaaliiwwan tatamsa'ina dhukkubicha ittisuuf taasifamuus halleellaa hojjattoota fayyaa fi dhaabbilee wallaansa Iboolaa irratti raawwatamuun danqamaa jira.