Balaliisaan weellisaa beekamaa Masrii kutaa balaliisaa keessa seensise umrii guutuuf dhorkame

Madda suuraa, Getty Images
Masriin balaliisaa xiyyaaraa taatoo beekamaa biyya isaa kutaa balaliistonni qofa keessa ta'an keessa akka taa'ee imalu eeyyame umrii guutuu akka hin balaliisne dhorkite.
Taatoo fi weellisaan Mohaammad Ramadaan jedhamu viidiyoo osoo inni teessuma gargaaraa balaliisaa irra taa'ee isatti xiyyaara to'atan harkatti qabatee agarsiisu miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiise ture.
Egaa dhimma kana boodadha gargaaraan balaliisaas waggaa tokkof kan adabame.
Xiyyaarri suni Sa'uudii Arabiyaati gara Masrii kan deemaa ture yoo ta'u, Ismaart Aviyeeshiin kan jedhamutu to'ata ture. Akka qondaaltonni jedhanitti hogganaan dhaabbata kanaallee aangoorraa ka'eera.
''Seerri aviyeeshinii Masrii cabuu isaa erga mirkaneessinee booda, hojii sirrii hin taane balaliistota raawwatan irratti tarkaanfii fudhanneerra,'' jedha ibsi Sivil Aviyeeshiniin Masriin baase jechuun miidiyaan Masraawii gabaaseera.
Nageenyi aviyeeshinii xiyyaara Masriif murteessaadha jedheera ministeerichi.
Mohaammad Ramadaan kan chaanaalii Yuutubii isaa irratti hordoftoota miiliyoona 7 ol qabu kuni viidiyoo kana torban darbe ture Tiwiitaraafi Inistaagiraama isaa irratti kan gadhiise.
Kaameraa isaatti gara galuun ''yeroo duraaf xiyyaara oofuufin jedha'' jechuun yeroo dubbatu viidiyoo waraabamerra mul'ata.
Namni duuba isaa viidiyoo keessatti hin mul'anne garuu sagaleen isaa dhagahamu tokko immoo ''ani maqaa Waaqaatti nan kakadha Mohaammad Ramadaanitu xiyyaaricha oofaa jira,'' jechuun yeroo dubbatu dhagahama.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Seerri aviyeeshinii Masrii yeroo xiyyaarri balali'aa jirutti imaltoonni kutaa balalistotaa keessa akka hin seenne dhorka.
Namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaa gubbaa viidiyoo waraabamee arguun mormii isaanii ibsaniiru.
Mohaammad kan fiilmiifi diraamaa kutaa hedduu qabu keessatti yeroo hedduu hirmaate kuni baandii isaa waliin biyya Sa'uudii Arabiyaa magaalaa Riyaaditti weellisuuf kan imalaa ture.
Taatoon umrii 31 kuni walleenillee beekamaadha. Sirbi isaa tokko Yuutubii irratti si'a miiliyoona 158 ilaalameera.
Deeggaraa hedduullee qabaatu Mohaammad kana dura ijoo dubbii ta'ee beeka.
Baatii Hagayya darbe uffata qaama isaa mul'isu uffate weellise jennaan akka hin weellisne kan gaafatan turani.












