Gaazexeessituun Morookoo Haajaar Raayisoonii ulfa baasuun yakkamtuu taatee hidhamte

Madda suuraa, Reuters
Gaazexeessituun Morookoo gaa'ila dura wal-qunnamtii saalaa raawwachuu fi ulfa baasuun himatamtee hidhaan waggaa tokkoo irratti murtaa'eera.
Rogeessonni immoo kuni tarkaanfii gaazexeessitoota ijoo irratti taasifamaa jiruudha jedhu.
Haajaar Raayisoonii kaadhimaa ishee waliin buufata fayyaa irraa yeroo bahan magaalaa guddoo biyyatti Raabaatitti Hagayya darbe qabaman.
Gaazexeessituun ganna 28 ''dhiigni waan na dhangala'aa tureef wal'aansa barabaachan deeme'' jechuun himannicha haaltee jirti.
Haajaar Raayisoonii gaazexaa dhuunfaa qondaalota mootummaa qeequun beekamuuf hojjetti.
Gaazexeessituun gaazexaa Akhbar Al-Yaoum, himannaa irratti baname 'himannaa siyaasa' jechuun mormitee jirti. Poolisiin waa'ee maatiisheefi waan barreessitu gaafachuus dubbatteetti.
Hijaaba gurraacha mataatti marattee tasgabbiidhaan dhaddacha Raabaat jirutti kan dhiyaatte yoo tahu, isheefi kaadhimaanshee lammii Sudaan 'ulfa hin baasne' jechuun haalan.
Abukaatoon ishee Abduulmoolaa El Maaruurii ''himannaa kanaan baayyee rifannee jirra'' jechuun Rooyitarsitti himeera. Ragaan buufata fayyaarraa dhufeefii ragaan seeraa bilisa ishee baasuu qaba turee, kana boodas ol ni iyyannaa jedheeraa.
Haalli gaazexeessituun kuni itti hidhamteefi hojiin gaazexeessummaa ishee hariiroo hin qaban jedhe. Buufatni fayyaa isheen itti wal'aanamaa turte immoo poolisiin eegamaa ture jedheera.
Kaadhimaa irrattis hidhaan waggaa tokkoo yoo murtaa'u, hakiima ishee irratti immoo hidhaan waggaa lamaa murtaa'era.
Hogganaan Human Rights Watch naannoo sanaa, Ahimad Beenchemsii himannicha ''haqa dabe, sarbaa mirga dhala namaafi haleellaa bilisummaa nama dhuunfaa irratti taasifame jechun himannicha mormeera.













