Arki'ooloojistoonni Masirii reeffa durdurii 20 argatan

Arki'ooloojistoonni Masirii reeffa durdurii 20 argatan

Madda suuraa, Egypt Antiquities Ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Ibsi gad-fageenyaa argannoo kanaa Sanbata dhufu yeroo kennama

Arki'oolojistoonni reeffa bara durii 20 ol ta'u saanduuqa reeffaa mukaan magaalaa Masirii Luuksor keessaatti argachuu isaanii ministeerri Qabeenya Hambaalee himeera.

Reeffi argaman kunneen, wanta isaan ittiin faayaman hanga ammaa sirriitti mul'ata. Reeffi bara hedduu lakkoofsise kun awwaala Tebaan qarqara Laga Abbayaa Asaasiif jedhamutti argame.

Reeffi kunneen toora lamaan walirra naqamanii kaa'aman.

Ministeerichi argannoo kana kan waggoota dhiyoo keessa argaman keessaa, "isa hundaa oliifi baayyee barbaachisaa ta'edha," jedheera.

Argannoo kanarratti odeeffannoo bal'aan ibsa Sanbata dhufu irratti ni kennama.

Reeffi kun toora lamaan walirra naqamanii kaa'aman.

Madda suuraa, Egypt Antiquities Ministry

Reeffi kun toora lamaan walirra naqamanii kaa'aman.

Madda suuraa, Egypt Antiquities Ministry

Awwaalli bakka Asaasiif jedhamu Suluula Mootichaa keessatti argamu kana keessa jiran baayyeen isaanii kan seenaa bara durii Masirii (Dhaloota Kiristoos Dura 664-332) kan ta'anidha.

Haata'u malee, Sirnoota Mootummaa Dhaalmaa jalqaba jaarraa 18ffaa keessa (Dhaloota Kiristoos Dura 1550-1292) turanis jiru.

Kan jaarraa 18ffaa kanaa keessa reeffi isaanii argaman keessaa Mootiin Haaraaa jalqabaa mootota Fari'oonotaa keessaa Ahmose, Hatshepsut, Thutmose III, Amenhotep III, Akhenaton akkasumas Tutankhamun keessatti argamu.

Torban darbe, ministeerri Qabeenya Hambaalee, arki'ooloojistoonni "naannoowwan industirii" bara durii Sulula Lixa Luuksoor keessatti argachuu beeksiseera.

Naannoon sun "manneen kuusaafi meeshaaleen manaa sirna awwaalchaarratti gargaaramaa turan kan akka okkoteefi xuwwee jaarraa 18ffaa bara Sirna Mootota Fari'oon turanidha.

Map: Map of Egypt