Tanzaaniyaan magaalaa guddoo biyyashee jijjiirachuuf akka jirtu Pireezidaant Magufuulii beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuulii teessoo mootummaa magaalaa daldalaa guddoo biyyattii Daar es Salaam irraa gara magaalaa guddoo biraa Dodomaa jedhamtutti geessuuf akka jiran beeksisan.
Magaalaa guddoo biyyattii gara Dodomaa geessuun kun yaada Pireezidaantiin jalqabaa Tanzaaniyaa Juuliyees Nereeree dhiyeessan ture.
Pireezidaant Magufuulii kana kan beeksisan dhuma torbee kanarra yeroo akka filataa tokkootti filannoo naannoo dhufuuf galmaa'aa jiranitti ture.
Pireezidaantichi teessoo mootummaa isaanii Daar es Salaam irraa gara Dodomaatti geessuudhaaf qophiin barbaachisus xumurameera jedhan.
"Ani naannoo Kitaavii keessan ture. Haata'u malee, gara magaalaa qe'ee koo Dodomaatti deebiyuudhaaf murteesseera."
"Filannodhaafis maqaa koo magaala kana keessatti galmeessisa, sababiin isaas kun amma teessoon hojii kootii bakka itti argamudha," jechuun gaazexaa Sitiziin jedhutti himaniiru.
Akka gaazexaan kun gabaasetti, ministeeronni hundiifi waajjiraaleen gurguddoo biyyattii duraanuu bakka argama isaanii Dodomaa taasifataniiru.
Tanzaaniyaan har'a guyyaa Nereeree kabajaa oolteetti. Juuliyees Nereeree pirezedaantii jalqabaafi abbaa biyyattiidha jechuun kabaja guddaatu taasifamaafi oolee.


















