Indooneezhiyaan magaalaa guddoo ishee odola Boorniyootti ijaaruuf

Magaalaa Jaakaartaa

Madda suuraa, EPA

Indoneezhiyaan magaalaa guddoo ishee Jaakaartaa irraa gara naannoo odola Boorniyootti jijjiiruuf murteessuu Pirezidantiin biyyattii Jookoo Widooddo dubbatan.

Jiraattota miiliyoona 10 kan qabdu Jaakaartaan, lafa raareerratti bu'uureffatamte.

Qaamni magaalittii waggaatti seentimeetira 25 liqimfamaa kan jiru yoo ta'u, amma walakkaan magaalittii sirrii galaanaa gadi jira.

Hanga ammaatti bakka magaalli guddoon itti ijaaramuuf maqaan hin kennamne. Haata'u malee naannoo hedduu hin misoomne, bulchiinsota Kertanegaaraa fi Peenjaam Paaser Utaara jedhaman gidduu ta'a jedhameera

Piroojeektiin misooma maagala guddoo haaraa kanaa maallaqa doolaara miiliyoona 32.7 gaafata. Magaala Jaakaarta keessatti cinqaan tiraafikaa qofti waggaatti tokko arfaffaa maallaqa piroojektii kanaaf barbaachisu fudhata.