Magaalaan guddoo Indooneezhiyaa Jakaartaa saffisaan dhidhimaa jirti

Suuraa bidiruu qurxummi qabdoota Jaakaartaa kaabaa keessatti argaman
Ibsa waa'ee suuraa, Kaabni Jakaartaa wagga waggaan cm 25 gaddhidhimaa jira.

Magaalaan guddittii Indoonezhiyaa Jaakaartaan, namoonni miiliyoona 10 ta'an keessa jiraatan, magaaloota addunyaa kanarraa hatattamaan dhidhimaa jiran keessaa ishee tokko.

Falli addaa itti hin barbaadamu yoo ta'e, magaalattiin bara 2050 keessa guutummaa guutuutti liqimfamuu mala jedhu qoratoonni.

Magaalaan Jakaartaa lafa caffaa'aa irratti kan ijaaramte, galaana Jaavaan kan marfamteefi lageen 13 kan keessa qaxxaamuranidha.

Kanaafuu magaalattiin kun yeroo maraa balaan lolaa itti heddummata.

Haa ta'u malee amma yaaddoo kan ta'e waa'ee lolaa qofa utuu hin ta'in magaalaan garmalee guddoo taate kun qabatamatti lafa keessa gad-badaa jiraachusheeti.

Jaakaartaan liqimfamuuf deemuun ishee waan qoosaa mitii, jedhu Dhaabbata Tekinoolojii Baandungitti waggoota 20 darbaniif qorataa dhidhima lafa Jaakaartaa kan turan Heerii Anderi'aas.

Jaakaartaa
Ibsa waa'ee suuraa, Kaaba jaakarta iddoo rakkoon caalaatti mudataa jiru

''Akka moodeeliin keenya agarsiisutti %95 Kaabni Jaakaartaa bara 2050tti ni liqimfama.''

Kun ammoo ammayyuu ta'aa jira - Kaabni Jaakaartaa waggoota 10 keessatti meetira 2.5 gadi dhidhimeera.

Jaakaartaan giddugaleessaan wagga waggaan hanga cm1-15 dhidhimaa jirti. Yeroo ammaatti walakkeessa magaalattii kan ta'u sarara galaanaa gajjallaatti argamti.

Rakkoon kun ammoo caalaatti Kaaba Jaakaartaarratti mul'ata.

Kaabni Jaakaartaa, seena qabeettiifi bakka buufata doonii turte. Har'allee biyya Indooneshiyaa keessatti bakka dooniin hedduun itti buufataniidha.

Yeroo ammaatti hiyyeeyyiifi sooreyyi dabalate namoota mil 1.8 ta'antu magaalatti kana keessa jiraata.

Maaliif?

Bishaanni lafa jala hir'achaa ykn dhumaa dhufuun akka sababaatti himameera.

Qabeenyi bishaan lafa jala namoota dhuunfaan akkuma argame itti fayyadamuurraa daran hammaacha akka dhufe dubbatama.

Suuraa gidgiddaa ykn ginbii bishaan galaana ittisuuf hojjetamee
Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2050'tti guutummaan guutuutti dhidhimuu dandeessi

Seerri cimaan kana dhowwu dhiburraa kan ka'e, manneen dhunfaas ta'e, gamoolee gurguddoofi bakkewwan gabaaf namoonni boola qotuun bishaan mata mataan baafatanii fayyadamuun kana akka fidaa jiru dubbatama.

''Hanga seera eeganitti, namni hundi bishaan lafa jalaa boola qotee baafachuun fayyadamuuf mirga qaba,'' kan jedhan Heerii Andri'aas, kan rakkoo fide hanga hayyamamuun ol namoonni bishaan baasuun itti fayyadamuusaniti jedhu.

Namoonni garu, angawoonni fedhi bishaan keenyaa kan gitu dhiheessi waan hin qabneef filmaata biroo hinqabnu jedhu.

Ogeeyyinis akka jedhanitti, abbootiin taayita bishaanii fedhii bishaanii magaalaan Jaajaartaa qabdu %40 qofa dhiheessuu danda'u jechuun ragaa bahu.

Mootummaan naannoos rakkoon seeraa ala bishaan hammaa ol baasuu akka jiru dhiheenya kana amaneera.

Gudduugala Jaakaartaa

Madda suuraa, AFP

Odolawwan nam-tolchee 17 dabalatee, ijaarsi keenyan guddicha Garuudaa jedhamu, kan km32 qarqara galaana Jaakaartaarratti doolaara bil40 hojjetamaa jiru rakkoo liqimfamaa jiraachuu magaalatti kanaaf furmaata ta'uu ni mala jedhanii abdatu.