Hora Viktooriyaa, Tanzaaniyaa: Bidiruun dhidhimtee yoo xiqqaate namootni 86 lubbuu dhaban

Tola-ooltonni warra hojii baraaruutti bobba'an gargaaraa jiru

Madda suuraa, Stephen Msengi

Ibsa waa'ee suuraa, Tola-ooltonni warra hojii baraaruutti bobba'an gargaaraa jiru

Hora Viktooriyaa qarqara Tanzaaniyaatti bidiruu dhidhimtee yoo xiqqaate namoonni 86 yoo du'an namoonni 37 lubbuun baraaraman haala yaaddessaa keessa jiru.

Akka aanga'aan tokko dhaabbata oduu 'Reuters'tti himetti namoonni dhidhimuu bidiruu kanaan Hora kanatti naqaman 200 ol ni ta'u.

Hojiin baraaruus hanga Jimaata ganamaatti itti fufee ture.

Bidiruun kun kan dhidhmtes yeroo namoonni bidiruu sana keessa jiran gara gama tokkootti walitti qabaman ta'a jedhamee yaadama.

Aanga'oonni namoonni 400 ta'an bidiruu dhidhimte sanarra akka turan ibsanii isaani keessaa namoonni 100 ta'an baraaramaniiru jedhan.

Warra baraaraman keessaa namoonni 32 haala yaaddeessaa keessa jiraachuu isaaniis dubbtaniiru.

Lakkoofsi sirriin ammallee hin mirkanaa'iin akka jiru 'Reuters'tti himaniiru. Namni bidirichaa tikeettii murullee waan du'eef ragaa maashinaan galmaa'e argachuun hin danda'amne.

A map showing Lake Victoria in Tanzania

"Yeroo balaa akkasii kana abdii akka nuuf kennu Waaqayyoon kadhanna," jechuun Komiishinarri Naannichaa Adaam Malimaa miidiyaatti himeera.

"Du'aatiin baayyeen akka hin dhaga'amne Waaqayyoon kadhanna."

Kamisa waaree booda namoonni naannootti argaman garee baraartotaatti makamanii hojjechaa jiru.

Tanzaaniyaan rakkoowwan walfakkaatan yeroo garaa graatti ishee mudataa tureera.

Namoonni hangi tokko baraaramaniiru

Madda suuraa, Stephen Msengi

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hangi tokko baraaramaniiru
Bidiruun sun namoota hedduu hanga baachuu dandeessuun ol fe'attee turte

Madda suuraa, Stephen Msengi

Ibsa waa'ee suuraa, Bidiruun sun namoota hedduu hanga baachuu dandeessuun ol fe'attee turte
Namoonni hedduu qarqara horichaa taa'anii yeroo ilaalanitti

Madda suuraa, Stephen Msengi

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hedduu qarqara horichaa taa'anii yeroo ilaalanitti