Balaa bidiruu Sudaan: Barattoonni 24 ta'an qarqara Laga Abbayyaatti dhuman

Madda suuraa, Getty Images
Yoo xiqqaate barattoonni 24 ta'aniifi hojjettuun fayyaa tokko osoo gara mana barumsaatti deemaa jiranii Sudaan gara kaabaatti bidiruun keessa turan dhidhimtee lubbuu dhabaniiru.
Bidiruun barattoonni 40 ol keessa turan osoo bishaan ciisaa km2.5 bal'atu qarqara Laga Naayil ture qaxxamuruuf yaalaa jiruu sababii oriitoo cimaa mudateen ture kan motorri ishee badee dhidhimte.
Ab el-Kahayir Adam Yuunis, dura ta'aan Mana barumsaa Ol-aanaa Keenbaa akka BBC'tti himetti ijoolleen umuriin isaanii ganna 7 hanga 16 ta'an kun sodaan waan itti dhaga'ameef bidiricharratti gam-tokkotti yeroo walitti qabaman galagalte.
Hanga ammaa reefa lama qofaatuu argame.
"Barattoonni kun yeroo baayyee miillaan deemu garuu sababii lolaa bokkaa cimaa tureen uumameef torban darberraa kaasanii bidiruu fayyadamuu eegalan" jedha Ab el-Kahayir.
"Warri lubbuun isaanii darbe harki caalaan ijoollee durbaadha," jechuun BBC sagantaa raadiyoo 'Focus on Africa'tti himeera.
"Maatiin tokko ijoollee durbaa shan dhabaniiru, maatiin biroo sadi ammoo tokkoo tokkoon isaanii ijoollee lama lama dhabaniiru."
Sababii bokkaa tureen bilbilli hojjechuu waan dideef dura ta'aan mana barumsichaallee balaa uumame gabaasuu hin dandeenye.
Jiraattonni naannoo sanaa baay'inaan gosaa Manaseer jedhamanidha.
Jiraattonni kunneen sababa ijaaramuu hidha walmormisiisaa ta'een lafti isaanii lolaan liqimfamuun yaaddoo itti ta'ee iyyachaa turan jechuudhaan gabaasaan BBC Mohaanaad Hashiim ni dubbata.
Waqtiin roobaa Sudaan Waxabajjiirraa hanga Onkoloolessaa tura.















