Typhoon Hagibis: Jaappaan obomboleettii hamaan booda lubbu-baraartota 110,000 bobbaaste

Madda suuraa, Getty Images
Obomboleettii Jaappaan 'Typhoon Hagibis' hordofee namoonni 110,000 ol tahan duula barbaachaafi lubbuu baraaruu irratti hirmaachaa jiru.
Obomboleettiin rooba makate (typhoon) kun waggoota kurnan dabran keessa isa hamaadha jedhame lubbuu 37 yoo balleessu, 20 kan tahan ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.
Obomboleettiin Hagibis jedhamu kun dorgommiin Waancaa Addunyaa Raagbii akka haqamus godheera. Taphni Jaappaaniifi Iskotilaand giduu garuu adeemsifameera.
Tapha kanaan qabxii 28-21 taheen mo'achuun yeroo jalqabaaf nuusa xumuraa geesseetti.
Taphichaan booda leenjisaan garee biyyooleessaa Jeemii Jooseef warreen balaa kanaan miidhaman yaadataniiru.
''Warreen obomboleettii kanaan miidhamaa jirtan, taphni kun isiniif. Daawwattoonni daran hedduun turan, taphni guyyaa har'aa, tapha qofa hinturre - isaan ol ture,'' jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Amma obomboleessi kun hir'achaa dhufeera, lafarraa gara bishaanitti godaaneera. Godaannisni dhiisee deeme garuu guddaadha.
Poolisoonni, warreen balaa ibiddaa dhaamsurra hojjetan, eegdonni qarqara galaanaa, fi waraanni kumaatamatti lakka'aman, sigiga lafaa fi lolaan warreen danqaman baraaruuf hojjechaa jiru.
Obomboleettiin kun iddoowwan garagaraa saddeetitti kan miidhaa qaqqabsiise yogguu tahu, saffisa qilleensaa haga sa'aatiin km 225 qaba ture.
Naannawa Naagaanoo jedhamutti, lubbuu baraartonni meeshaa afura ittin baafatan kaawwachuun, barbaacha eegalan.

Madda suuraa, Reuters
Wiirtuun baaburaa Naagaanoo lolaan dhukkee irraa kaaseera. Kanaanis baaburri saffisaa - 'bullet' jedhamuun beekaman haala akkasiin dhidhimaniiru.
Tokkoon tokkoon baaburoota kanaa gatii Dolaara miiliyoona 30 baasu.

Madda suuraa, Getty Images
Waajirri Ministira Muummee Jaappaan akka jedhetti lubbu-baraartonni kunneen ''manneen lolaan gargar baasee fi namoota achi buuteen isaanii dhabamerra,'' xiyyeeffatu jedheera.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Manneen 92,000 tahan ifaan irraa citeera. Kanneen 120,000 tahan ammoo tajaajila bishaanii argachaa hinnjiran.















