Obomboleettii Neet: Koostaa Riikaa, Nikaaraaguwaa fi Honduraasitti namoonni 22 du'aniiru.

Madda suuraa, Reuters
Obomboleettiin kunis rooba cimaa, sigiga lafaa fi lolaa uumuun; daandiin akka cufamu, riqichoonni akka barbadaa'aniifi manneen akka manca'an taasiseera.
Koostaa Riikaatti, namoonni 400,000 ta'an bishaan dhugaatii malee akka hafan ennaa taasisu, kumaatamoonni biroo ammoo dawoo yeroof qophaa'e keessatti ciisaa jiru.
Achuma Koostaa Riikaatti namoonni jaha ennaa du'an, Nikaaraaguwaatti ammoo 11 lubbuu dhabaniiru.
Honduraasittis namoonni sadi du'uun kanneen muummee hinqabne biroon ammo achi buuteen dhibeera.

Madda suuraa, Reuters
Koostaa Riikaatti gaafa Kamisaa, imalli baaburaa hunduu yogguu dhaabatu, imalli xayyaaraa hedduus haqameera
Paarkonni biyyoleessaa bebbeekamoo hedduun sodaarraa kan ka'e cufaman.
Nikaaraaguwaatti obomboleettiin kun bu'uuraalee misoomaa adda addaa irratti miidhaa cimaa qaqqabsiiseera.

Madda suuraa, AFP
Raagdonni qilleensaa waan jedhan, obomboleettiin Neet kun gara harikeena sadarkaa tokkootti ol guddachuun, shoora Yunaayitid Isteetis gaafa Dilbataa rukuta.
Dhaabbileen boba'aa Odola Meeksikootti argaman, hojjettoota isaanii obomboleettiin kun karaa irra darburra jiran kaasaniiru.














