Obomboleettii Higibis: Loolaa fi sigiggoon lafaa Jaappaan midhaa jira

Madda suuraa, Reuters
Jaappaan bubbee rooba makate kan waggootii hedduu keessatti isaa cimaa jedhamtuun waayita rukutamteetti, yoo xiqqaate lubbuun namoota 23 darbeera.
Obomboleettiin Higibis biyyattii yemmuu saffiisa qilleensaa saatiitti km225'n rukutetti, loolaa fi sigigoon lafaa uumeera.
Looltooti waraanaa 27,000 fi hojjeettonni lubbuu baraartummaa biroon namoota lubbuu oolchuuf bobbaafamuu angaa'onni ni dubbatu.
Laggeen naannawaa adda addaa 14tti irraa gutanii lola'uun jiraattootta naannichaa naasisaniiru.
Obomboleettiin Higibis yeroo ammaatti gara kaaba biyyittiitti kan bubbisaa jiru yoo ta'u, Dilbata waaree boodarra gara Kaabaa Paasifikitti ni deebi'a jedhamee eegama.
Jalqabarratti obomboleettiin kun Sambata galgala naannoo sa'aatii 1:00tti kibba-lixa Tookiyoo naannoo Izu kan rukute yoo ta'u, sana booda gara bahaatti darbeera.
Kanumaanis manneen gara walakkaa miliyoonaa ta'an ifaa dhabaniiru.
Magaalaa Tulluu Fujii biratti argamtu Hakone keessatti Jimaataafi Sanbata roobni meetira 1 roobe, Jaappaan keessattii roobaa saatii 48f waliitti aansee roobuun isa jedhamu ta'eera.
Aanga'ooti akka himanitti namootni du'an kaan sigiggoo lafaan kaan ammoo yemmuu lolaan gutaa dhufetti konkolaataa isaanii keessatti danqamaniiti.
Maanguddoon ganna 70 tokko garuu heliikooptara lubbuu baraaruun erga baraarmte dingata harkaa kuftee du'uushee aanga'onni dabalanii ibsaniiru.
Namootni 17 ammaatti achii buuteen isaani kan dhabame yoo ta'u hedduun immoo midhamuun gabaafameera.

Madda suuraa, Reuters
Namootni miiliyoona torba ta'an bubbeen cimaa kun akka dhiyaachaa dhufetti mana isaanii akka gadhisan gorsamaniiru, ta'us namootaa 50,000 qofatu wiirtuu qophaa'ee keessa buufatan.
Tajaajilli geejjiba baaburaa hedduu dhaabbatee jira.
Balaliiwwwan 1000 ta'an buufata xiyyaaraa Haneeda magaalaa Tokiyoofi kan buufata xiyyaaraa Narita magaalaa Chibaa, guutummaatti haqamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Ji'a darbee keessaa Obomboleettii Faksaay jedhamuu manneen 30,000 ta'an barbadeessuun naannoolee Jaappaan miidhee ture.
Jaappaan waggaatti obomboleettii 20 ta'aniin rukutamti, ta'us magalaan Tookyoo hagana miidhamtee hin beektu.














