Obomboleessi Jebii Jaappaan keessatti badii dhaqqabsiise

Madda suuraa, EPA
Waggaa 25 keessatti bubbeen cimaa Jebii jedhamu Jaappaan keessatti ka'ee yoo xiqqaate lubbuu namoota 9 galafateera.
Bubbeen Jebi lixa biyyiitti kan akka magaalaa gurguddoo Kiyotoofi Osaakaa rukutee badii guddaa dhaqqabsiiseera.

Madda suuraa, Kyodo/via Reuters
Daandiin xiyyaaraa, baburaafi bidiruu hojii yoo dhaabaniyyuu, buufata xiyyaaraa Osaakaa keessa imaltoota kumaan lakkaa'aman balaa jalaa baqachisuun danda'ameera.
Bubbeen kun hir'isaa gara kaabaatti socho'aa jiraatus jiraattonni garuu lolaafi sigigoo lafaa irraa akka of eggataan akeekkachiisameera.

Madda suuraa, EPA
Roobii irraa eegalee jiraattota miiliyoona 1.2 oliif gorsitoonni baqannaa ramadamaniiru.
Dhaabbatni To'annaa Ibiddaafi Balaa akka jedhutii dirqama yoo hin taaneyyuu jiraattoota 30,000 ol ta'an akka baqataniif ajaji cimaa kennameera.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, EPA











