Deevid Isstimaan: Lammiin Awustiraaliyaa waggaa 19f dogoggoraan hidhamee ture beenyaa argate

Namtichi poolisii gameessa ajjeefteetta jedhamuun dogoggoraan waggaa 19 hidhaman beenyaa doolaara miiliyoona 7 argataniiru.

Lammiin Awustiraaliyaa David Eastman bara 1995tti ture ajjeechaa Colin Winchester- Koomishinarii Poolisii Federaalaan shakkamanii hidhaan umurii guutuu kan irratti murtaa'e.

Haa tahu malee manni murtii bara darbe murtoon yeroosii haqa-qabeessa hin turre jechuun haqeera.

Dhimmi ajjechaa Colin Winchester ammayyuu hiikkoo hin arganne.

Ajjeechaan nama kanaa adeemsa seeraafi siyaasaa biyyattii raasuun qorannoon yakkaa guddaan akka taasifamu sababii tahee ture.

Eastman namni ganna 74, kana dura beenyaa miiliyoona 3.8 kennamnaafin 'lakki hin fudhadhu' jedhanii turan.

Manni murtii ACT Supreme Court himannaa, namni kuni bara mana hidhaatti dabarsetti maatii otoo hin dhaabiin hafeeraa, carraan hojiis isa darbeera, haadhasaafi obbolaa isaa lamaan du'aan dhabeera jedhu dhaggeefateera.

Abukaatoon isaanii ''yeroo jireenya isaa guddaa dhabe'' jechuun mana murtiitti himeera.

Karaa dheeraa bilisummaa

Winchester mana maatiisaa magaalaa Canberratti argamutti ture adda keessa ala lama kan dhahaman. Hanga yoonaa Awustiraaliyaatti poolisiin gameessi akkanatti ajjeefame isaan qofa dha.

Eastman yeroo damee tajaajila hawaasummaa irra hojjetan, poolisii gameessa kanaan dhimma yakkaa tokkoo seeraa hin qabanne jechuun ergaa doorsisaa itti erganiiru jedhamuun shakkaman.

Namni kuni waggaa 19 hidhaatti yeroo dabrsan ala shan ol iyyannoo dhiyeefatanii jalaa kuffifamee ture.

Bara darbe garuu lafa dhugaa baatonni 100 argamanitti Eastman kan bilisaan gaggeefaman.

Beenyaa hangamii akka barbaadaniis yeroo xiqqoo booda beeksisan.