Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen Awustiraaliyaa milishaa IS ta'an kaampii Siiriiyaatii baraaraman
Ijoollee saddeetfi, kanneen maatiiwwan Awustiraaliyaatiin akka garee IS'tti makamaniif geeffaman jaha dabalatee, kaampii baqattootaa Siiriiyaa keessaa baraarfamaniiru.
Gareen kunis ijoollee milishaa Awustiraaliyaa hamaa ta'e Khaled Sharouf kan dabalatuudha.
Mootummaanis dhaabbilee gargaarsaa waliin ta'uun icciitiin ijoollee kanneen baasuu akka danda'e midiyaan Awustiraaliyaa gabaase.
Ministirri Mummee Scott Morrison ammoo ''haala rakkisaa fi walxaxaa'' keessaa bilisa bahusaanii mirkaneesseera.
''Maatiin ijoolleesaanii geessanii haala balaafamaa zoonii waraanaa keessa kaa'uun gocha sukkaneessaadha,'' jedhan Morrison. ''Haa ta'u malee, ijoolleen yakka maatii isaaniitiif jecha adabamu hin qabaatan.''
Murtee kunis haala 'salphaatti' kan raawwatame akka hin taanees himaniiru.
''Nageenyi fi eeguumsi Awustiraaliyaa ummataa fi namoota keenyaa yeroo hunduma dhimma dursi kenniinuufiidha,'' jedhaniiru.
Jalqaba bara kanaatti namoota kaampii keessaa baasuuf jecha Awustiraaliyaa balaarra hin kaa'u jedhee ture.
Bara 2014'tti ijoolleen shan haadha isaanitiin Taaraa Netloon irraa Siiriyaatti geeffamte. Isheenis abbaa warraa shee kan paaspoortii obbolessa isaaniin baatiiwwa dura gara sanatti imale hordofuun deemte.
Sharrouf zoonii waraanaa Siiriyaatii suuraawwan ijoollee xixiqqoon osoo qawwee fi mataa namoota baayyee harkatti qabaatanii mullisuu kaasuun beekamaadha.
Lamaan isaaniis abbaa saanii waliin osoo gara Raaqaa adeemaa jiranu halleellaa xiyyaaraatiin bara 2017'tti ajjeeffamu gabaafameera.
Netiletoon ammoo rakkina fayyaa mudateen bara 2015tti boqattee.
Haatii ishee Kaaren ijoollee akkooshee sadan hafan baafachuuf duula gaggeessaa turte.
Isaanis kaampii IS qabame keessa jiraachuu himamu.
Erga jalqaba bara kanaatti ABC news dokmantaarii tokko kaampii al-Haawl kan Siriyaatti argamurratti hojjachun shamarreen waggaa 16 fi 17 akka maatiisaanitti deebiisanii makamu barbaadan dubbatteen booda, haati kunis miira isaanii argu ummatte.
Angafti Zaaynab erga achi gahanii booda milishaa hiriyyaa abbaashee ta'etti umurii waggaa 13n erga heerumteen booda ijoollee lama kan umuriin waggaa 2 fi 3 kan godhachuun ammasa dahumsatti dhiyaachaa jirti jedhameera.
Ijoollee garicha keessa argama sadii ammoo kan Yaasin Rizvik Melbone irraa ta'ee ta'unsaanii himameera.
Mariin attamiin motummoon addunyaa loltootaa fi ijoollee IS keessa deebii'an itti qabachuu qabu ilaalchisee gaggeefamaa ture dhimma guddaa ta'ee jira.
Qorattoonnis namoonni kuma 40 olii kanneen biyyoota 80 oliirraa ta'an Iraaqii fi Siriyaa keessatti Ebla hanga Waxabajjiitti IS'tti akka makan tilmaamu.
Jalqaba bara kanaattis, dhaabbanni tola olmaa 'Save the Children' ijoollee lammii biyyaa alaa ta'an 2,00 oli kaamppiiwwan Siriiyaa keessatti arganiiru.