Indiyaa hidha bishaanii cinaatti misirroon ofee ka'aa turan lubbuu dhaban

Hidha bishaanii

Madda suuraa, Getty Images

Indiyaatti misirroon hidha bishaanii cinaattii suuraa ofee (selfie) ka'aa turte matii ishee keessaa nama sadii waliin bishaaniin nyaatamtee du'uu Poolisiin bulchiinsa Kibba Indiyaa Tamiil Naaduu beeksise

Misirittii dabalatee namoonni suuraa ofee( ofiin of kaasaan) keesaa qooda fudhachuuf qarqara hidha Pambaritti siiqanii osoo suura ka'uutti jiranii isaan keessaa tokko sigigaatee kaanis harka qabatanii waliin bishaan bu'an.

Abbaan warraa Misirittii garee suura ksan keessa kan turte obboleettii isaa akkuma ta'ettii baraaruu danda'eera.

Indiyaan biyyoota suura ofiin of kaasuuf wayita yaalan namoota lubbuu isaaniii dhaban hedduu qabaachuun addunyaarraa tokkoffaa dha.

Bara 2011- 2017 gidduutti du'a sababa suura of kaasuun namoota du'aaf saaxilaman 259 ta'an keessaa walakkaan isaa Indiyaatti, galmaa'uu qo'annoon qaama 'National Library of Medicine' jedhamuun qoratame agarsiiseera.

Akkaa qorannoo kanaatti Raashiyaa, US fi Paakistaan sadarkaawwan itti aanaan qabatu.

Duuti namoota Afran kanaa Dilbata kan ta'e yoo ta'u misirroonnii haarayaan maatii isaanii arguuf naannoo Utaangariiya jedhamutti imalan.

Maatii misirittii keessaa obboleessii ishee ganna 14 sigigaatee yoo jedhu obbolaa isaa lama ganna 18 fi 19 harka qabate. Achiis misirrittiifi obboleettiin misirichaas harkifamanii bishaan keessa bu'an.

Ogeeyyiin namoonni miidiyaa hawaasummaarratti maatii fi hiriyyoota isaaniirraa dinqisiifannaa argachuuf jecha waan balaaf of saaxilaa jiraachuu akeekkachiisaniiru.

Baruma kana ji'oota shana duras dubartootni sadii daandii baaburaa gidduutti ofee osoo ka'aa jiranii baaburri dhufuu arganii wayita baqatan baabura kallattii biroon dhufaa jiruun nyaatamaniiru.

Indiyaa bulchiinsaa Karnaataakaa keessatti bara 2017 ijoolleen afuur sababa kanaan du'uu sababeefachuun duulli 'Ofeen nama ajjeesa' jedhu egalee ture.