Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iskootilaand maatiin ijoollee akka hin kaballe seeraan dhorkite
Iskootilaand maatiin ijoollee kabaluu gocha yakkaa wayita taasiftuu UK keessaa biyya jalqabaati.
Wayita ammaa kanattis maatiiniifi kunuunsitoonni ijoolleen naamusa qababsiisuuf 'otoo hin miidhiin dhahuu' akka danda'an heeyyamameefiira.
Haa ta'u malee mootummaan Iskootilaand ijoolleen akkuma ga'eessa tokkoo miidhamni kamiiyyuu irraa eegamuu qabu jedheera.
Dhorkaan adabbii qaamaa kamiiyyuu akka hafu jedhu kunis kenniinsa sagalee paarlaaman Iskootilaandi har'a guyyaa Kamiisaa kennuun ni deeggarama jedhamee eegama.
Yaadni kuni miseensaafi hoojetaa paartii 'Scottish Greens' jedhamuun kan ka'e yoo tahu, paartiisaafi paartiiwwan biraa irraa deeggarsa argateera.
Joohn Fiinii lammiileen xixiqqoofi saaxilamoo tahan hanga har'aa eegumsa guutuu qabaachuu dhabuun 'waan ajaa'ibaati' jedheera.
Dabaluunis: ''Adabbiin qaama Iskootilaand jaarraa 21ffaa keessatti iddoo hin qabu. Ragaan idil addunyaa adabbiin akkasii dhiibbaa rakkisaa tahe qaba jedha.
Yaadni uummata Iskootilaand dhimma kanaaf lakkaa'ame garuu yaada kana ni morma- seerri amma jiru gahaa dha, jijjiiramni seeraa godhamuuf jedhu maatiiwwan 'gaarii' yakkamtoota taasisuu ni danda'a jedha.
Haa tahu malee dhaabotni miti-mootummaa dhimmoota ijooollee irratti hojjetan dhorkaa kana deeggaraniiru.
Iskootilaandiitti ga'eessa tokko haleeluun akka miidhaatti lakkaa'ma, ijoolleen garuu eegumsa wal-fakkaataa hin qaban.
Kanaaf namni ijoollee dhaane adabbii isaaf 'sababan qaba' jechuun ittisa dhiyeefachuu danda'a. Kunimmoo ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gad jiran hayaata(naamusa) kabachiisuuf humna akka fayyadamaniif karaa saaqaaf.
Adabbii 'sababii gahaa' yoo jedhamu manni murtii akkaataa adabbii, yeroo fudhate, al meeqa akka taasifame, umuriin mucaafi dhibbaa xiinsammuufi qaama irratti qaqqabe dhimmoota jedhan ilaaleetu gara adabbiitti adeema.
Kanaaf, seera kana duraan maatiin ijoollee isaanii kabaluun hayyamaaf ture- mataa keessa dhahuu, raasuufi meeshaan rukutuun seeraan ala dha.
Manneetii barumsaa keessatti adabbiin qaamaa kamiyyuu dhorkaa dha.
Seerichi yoo hojiirra oolu, ijoolleen akkuma ga'eessa tokkoo eegumsa guutuu argatu, maatiinimmoo 'rukutuu koof sababiin qaba' jechuu hin danda'an.
Adabbiin qaamaa biyyoota guddatan kanneen Ameerikaa, Jarmaniif Siwiidin irra UKtti baay'ata.