Tiraampi yaada 'godaantota miila jala dha'uu' jedhu dhiyeessan

Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp akka suuta jedhan gochuudhaaf godaantota rasaasaan miilla keessa dha'uun akka barbaachisu yaada dhiyeessan.

Akka kitaabni haaraan gaazexeessitoota New York Times lama barreessan jedhutti, Pirezedaant Tiraamp godaantota karaa daangaa kibbaan qaxxaamuruuf dhufan dhorkuudhaaf tarkaanfiin yaa fudhatamu jedhan mala baay'ee hamaa ta'edha.

Akka baqqattoonni karaa daangaa kibba gara US hin seenne dhorkuudhaaf yaada Tiraamp dhiyeessan jedhan keessaa dallaa elektiriikaan ijaarame, gimbii baay'ee ol-ka'aa ta'eefi tujuba daggalli irratti margee bofaafi bineensonni hamoo nama nyaatan itti galan qopheessuun keessatti argamu ni jiru.

Daangaa karaa Meeksiikoo waliin jiru irratti dallaa gimbiidhaan ijaaruun kaayyoo imaammata Tiraamp keessaa tokkodha.

Ijaarsi dallaa kanaa amma jalqabeera. Ijaarsa kanaaf ammoo Peentaagoon maallaqa dolaara Biliyoona 3.6 baajata loltuurraa ramaduun hojjechiisaa jira.

Yaada dhiheenya kana ka'aa jiruuf Waayit Haa'us irraa deebiin kenname hin jiru.

Barreessitoonni kunneen komii maalii dhiyeessuu?

Mata-dureen kitaabichaa - 'Border Wars: Inside Trump's Assault on Immigration' jedhan. Hiikni isaas Waraana Daangaa: Keessoo Miidhaa Tiraamp Namoota Itti-baqataa Jiranirraan Ga'an akka jechuuti.

Barreessitoonni kana barreessan lameenis Michael Shear fi Julie Davis yommuu taa'an gaaffii fi deebii aanga'oota maqaan isaanii hin dha'amiin waliin taasisanirratti hundaa'udhaan ture. Hojiin gaazexeessitoota kanaa barruu 'the New York Times'n maxxanfameera.

Kitaabichi seenaa torban tokkoo Bitootessa 2019 keessa yeroo Pirezedaant Tiraamp godaantota kibbaraan gara US seenaa turan hunda dorkaan seenessa.

Kitaaba kana keessa barreeffamni jiru akka jedhutti, pirezedaantichi akka dhuunfaa isaaniitti garee gargaarsaaf yaada yeroo dhiyeessan loltoonni godaantota miilla isaan keessa dha'uu qabu jedhan. Garuu yeroodhuma sana kana gochuun seeraan ala jedhamee itti himameera.

Yeroo darbe, Pirezedaanti Tiraamp loltoonni godaantota warra dhakaa darbatanitti dhukaasuu akka yaada furmaataatti dhiyeessuu isaanii ummataaf ibsanii turan.

Akka kitaaba kanaatti Tiraamp tarkaanfiiwwan biroo hamaadha jedhaman akka fudhatamuu qaban yaada dhiyeessaniiru.

"Akka dhuunfaa isaaniitti Pirezedaantichi dallaa daangaarratti ijaaramuu, tujuba guddaa bo'oon bishaaniin moxobamuun bofni, naachiifi bineensonni nama nyaatan akka keessa jiraatan gochuu dubbataa turan. Dallaan ijaaramu baayyee kan ol-ka'e ta'ee, elektiriika= kan qabuufii nama waraanan ta'uu qaba jedhu," jechuun kitaabicha keessatti barreeffameera.

Daangaarratti maaltu ta'aa jira?

Tiraamp akkuma duula na filadhaa bara 2016 keessa taasisaa turan jedhanitti godaantota seeraan alaa irratti tarkaanfii hamaa fudhataaniiru.

Ejjennoon isaa kun ammoo Dimokiraatota miseensa Kongireesii keessa jiran biratti irra deeddeebiidhaan mormii irratti kaasiseera. Mormiin kun haala hammaataa qabannaa godaantotaa bakka qubannaa keesa jiraniifi baajata dallaan sun ittiin ijaaramurratti itti cimee ture.

Guraandhala keessa, Tiraamp daangaa Meksiikoofi US giddu jiru irratti yeroo muddamaa labsuun baajata federaalaa gadhiisifateera.

Waxabajji keessa ammoo Meksiikoo waliin baqqattoota daangaa qaxxaamuruun gara US seenan hir'isuurratti waliigaltee xiyyeeffate guyoota 90 tiif mallatteessaniiru.

Waliigalteen sun waltumsuuf.

Waliigalteen kun walitti dhiheenyaan waliin hojjechuu, akkasumas Meeksiikoon loltoota Daanga Eegan kan Biyyaaleessaa kumaatamaan bobbaasuun eegsisuu dabalata.

Baatii darbe keessa, Meeksiikoon erga Caamsaa darbeetii godaantota ragaa hin qabne daangaa US ce'an %56 akka hir'isuu dandeesse ibsitee turte.

Haa ta'u malee, seeraan ala daangaa US ce'uun erga bara 2000 as akka walii galaati hir'achaa dhufus, erga Pirezedaanti gara aangootti dhufanii garuu deebi'ee dabalaa jira.

Bara kana keessa qofa godaantoonni 800,000 ta'a seeraan ala gara US'tti ce'uuf osoo yaalanii daangaa karaa kibbaatti qabamanii hidhamaniiru. Lakkoofsi kun ammoo kan bara 2018 dachaan dabaleera.

Namoonni godaanan kunneen hedduun isaanii biyya isaaniirraa miidhaa fi hiyyummaa warra baqatanii karaa Kaaba Meksiikoo hanga daangaa Us'tti deemanidha.