Noorweey Lammiilee Itoophiyaa 31 biyyaa ariite

Madda suuraa, PYMCA
Poolisiin Tajaajila Baqattoota Biyyaalessaa (The National police Immigration Service) Noorweey akka beeksiseetti bara 2019tti qofa lammiilee Itoophiyaa 31 biyyattii gadhiisanii akka bahan taasifamaniiru.
Isaan keessayis 12 kallattiin gara Itoophiyaatti kan deebiifaman yoo ta'an, kanneen hafan ammoo gara biyyoota isaan simachu danda'an gara biraattii ergamusaanii beekuun danda'ameera.
Biyyoonni kun namoota kana ofitti fudhachuu ilaalchisee waajirichi kan ibse hinqabu.
Baruma 2019 kana keessa lammiileen biyyoota adda addaa Noorweey akka gadhiisanii bahan kan taasifaman yoo ta'u, isaan keessaayis 47 lammiilee Eeritraa ta'un barameera.
Haa ta'u malee lammiilee Eertiraa akka biyyattii bahan taasifaman kanneen keessaa kallattiin gara biyyaatti kan deebifaman namoota lama qofaadha jedhameera.
Kabaja hundeeffama Tajaajila Biyyaaleessaa Eeritiraa waggaa 25ffaa sababeefachuun qophii Imbaasii Eertiraa Noorweeyitti argamutti wayita kabajameetti baqattoonni lammiilee Eeritiraa Ministira Beeksisaa biyyattii Yamaana Gabramasqal waliin keekii murusaaniin walqabatee, motummaan Norweey gaaffii koolugaltummaasaanii irra deebiidhaan ilaalaa akka jiru dubbate ture.
Namoota kolugaltumaan biyyattii erga galanii booda motummaan Noorweey naaf haa bahan jechuu baasee keessatti ijoolleen 23 ni argamu jedhameera.
Namoonni akka gara biyyaa irraa dhufaniitti akka deebii'anii fi akka biyya biraatti darban taasifaman kunneenis kolugaltummaa gaafatanii kan turan, kanneen gara biyyattii akka hingallee dhorkamaniifi akka bahan taasifamaniidha jedhuun waajjiri kun kan beeksise.













