Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Irreecha Sidaamaa: Jala bultiin Ayyaana Irrechaa Hawaasaatti kabajamaa jira
Jala bultiin ayyaana Irreechaa uummata Sidaamaan qophaa'ee magaalaa Hawwaasaatti kabajamaa jira jedhan hogganaan Biiroo Kuminikeeshinii magaalichaa Obbo Malkaamuu Tafarraa.
Kun magaalaa Hawaasaa keessatti yeroo jalqabaaf gaggeefamuu isaati. Uummatni Sidaamaa qaamni tokko illee osoo hin kakaasiin ofumaan wal qindeessuun ayyaanni obboloota keenya Oromoo kan keenya jechuun qopheessan jedhan Obbo Malkaamuun.
Mootummaanis uumatni kabajuu waan barbaadeef deeggarsa barbaachisa hunda gochuun walumaan kabajaa jirra jedhan.
Jala bultii Ayyaana Irreechaa kana galma aadaa Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti kabajaa kan jran yoo tahu keessummoonni magaalota ollaa akka Shaashamannee fi magaalaa Finfinnee irraas argamaniiru jedhan Obbo Malkaamuun.
Saganticha irratti agarsiifni akka doqdoqqee, deemsa miilaa, guluffii fardaa fi dhiiga gumaachuunis gaggeefamaa akka turan BBCtti himan Obbo Malkaamuun.
Ayyaanni Irreechaa kan keenyadha, kan uummata Itoophiyaa hundaatis jechuun obbolummaa keenya cimsuuf yaadamee sagantaa qophaa'edha jedhan Obbo Malkaamuun.
Kanas jalqaba uummata Sidaamaatu jalqabe jedhanii hoggansi mootummaas keessatti hirmaateera jedhan.
''Uummatni Oromoo fi Sidaamaa kan walitti dhufan siyaasaan osoo hin taane dhiigaani.''
Galma aadaa Sidaamaa keessatti sirbootni Afaan Oromoo fi Sidaamaa dhiyaachaa akka jiranis himaniiru.
Obbo Yohaannis Arisoo dhalataa saba Sidaamaa fi jiraataa magaalaa Hawaasaati. Kabaja jala bultii ayyaanichaa irratti baay'ee akka gammadan himan.
''Ayyanicha ho'isuuf qofa osoo hin taane sabootni lamaan ijoollee abbaa tokkoo waan tahaniif waliin kabajna. Kanaafuu ayyaana obboloota keenyaati kan waliin kabajaa jirru'' jedhan Obbo Yohaannis.
Ayyaanni kun kan Sidaamaa fi Oromoo qofa osoo hin taane kan uummata Itoophiyaa hundaa waan taheef akkuma keenyatti fudhatanii osoo kabajan gaariidha amnataa jedhun qaba jedhan.
Jiraataan magaalaa Hawaasaa fi dhalataan Sidaamaa Maatiyoos Gidaamoo abbootiin keenya durii jalqabanii ayyaanni yeroo dhufu walumaan kabajaa turan jedhan.
Oromoo fi uumatni Sidaamaa waggoota dheeraaf waliin jiraatanii, wal irraa fuudhanii dhalchaniiru jedhe.
Ayyaanni Sidaamaa yommuu dhufu Oromotni dhufanii walumaan kabajna. Kan Oromoo yoo tahus akkanuma ture. Kanaafuu har'as kanuma agarsiisaa jirra jedhan Obbo Maatiyoos.
Ayyaana Irreechaa waggoota dheeraa booda yeroo jalqabaaf magaalaa Finfinneetti kabajamuu fi kaan irrattis uummatni Sidaamaa argamuun kabajuuf qophii xumuruu isaa Obbo Malkaamuu Tafarraa himaniiru.