Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abjuu hamaan dubartii Kaaliforniyaa tokko qubeellaa gaa'ilaashee liqmsiise
Dubartiin Ameerikaa abjuudhaan qubeelaa gaa'ilaa ishee baasuun liqimsite wallansa baqaqsanii yaaluu taasifameefi.
Jeenaa Ivaansi, durbartiin ganna 29 akka jetteetti, kaadhiimaa ishee Boobii waliin ta'uun baabura saffisaa guddaan deemaa jirtu, 'namoota hamoota miidhaa geessisan' irraa oolchuuf jechan qubeellaa liqimsuuf dirqamte.
Kun hunduu abjuun akka tahe kan barte garuu ganama erga manasheetii hirribarraa kaateen booda. Ganama yeroo kaatus diraamaan keessa bulte hunduu abjuu tahuu isaafi qubeellaa gaa'iilaa kan daayimandiis qubarraa dhabde.
Waan ishee mudate hunda erga kaadhimaashee Boobiitti himteen booda gara hospitaalaa deeman.
Sana booda garuu waan jettee hakiimotatti himtu dhabdee rakkataa akka turte himte. Al takka takka boo'aa akkasumas kolfaan ture jette.
Qorannoon carallaa [X-ray] qubeellaa kaaraatii 2.4 tahu garaa ishee keessatti agarsiise.
Kanaaf, hakiimoonni akkasumatti dhiisuun rakkoo qabaachuu danda'a jechuun waliigalan.
Haa tahu malee adeemsa hunda keessa darbitee yoo tasa lubbuun ishee darbe fedha isheen tajaajilicha argachuu ishee kan agarsiisu waliigaltee foormii dhiyaateef mallatteessuun hedduu itti ulfaatee ture.
''Yoon kan du'u ta'ee jechuun baay'een boo'e ture,'' jette. ''Qubbeellaa gaa'ilaa kana godhachuun, Boobii Howelitti heeruma jedhee yeroo dheeraa eegaan ture'' jette.
Adeemsichi milkaa'ee Ivaansi yeroo wallansa baqaqsnii yaluu ykn oppireeshinii booda dammaqxu boo'aa turte. Baa'y'een gammade, sabani isaas waan tahe yommuun ilaalu na raajeffachiisa' jette jirti.