Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibee Busaa: 'Bara 2050'tti addunyaan busaa irraa bilisa taaati' akkamiin?
A.L.A bara 2050'tti addunyaan busaa - dhibee ganna hedduuf dhala namaa dararaa ture - irraa walaba taati jedha gabaasni akka itti wanni kun milkaa'uu danda'u himu reefu bahe.
Waggaa waggaan namoota miliyoona 200 ta'antu dhibee kanaan qabama, namootni 435,000 irra caalaanisaanii daa'imman ta'an ammoo ni du'u.
Gabaasni kun busaa dhabamsiisuun amma booda abjuu bara dheeraa hin ta'u jedha.
Haa ta'u malee bajata dabalataa waggaatti hanga doolaara biliyoona 2 barbaaduu mala jedha.
Dhibeen busaa paaraasaayitii 'Plasmodium' jedhamuun kan uumamu yoo ta'u namarraa namatti kan darbu bookee busaa dhaltuu dhiiga namaa xuuxxuuni.
Dhibee kana ittisuuf amma dura tarkaanfii fudhatamaa tureen bu'aangaariin argameera.
Erga bara 2000:
- lakkoofsi biyyoota dhibe kana qabani 106 irraa gara 86'tti gadi bu'eera.
- hammi dhibeen kun ittiin mudatu parsantii 36'n gadi bu'e.
- hammi lakkoofsa nama du'uu parsantii 60'n gadi bu'e.
Bu'aan kun kan argame malli ittiin akka bookeen nama hin ciniinne dhorkan akka saaphana siree, keemikaalota biifamaniifi namoota bookeen hidditeef qorichi yaalaa fooyyee qaban waan argamaniifi.
Bu'aan gaarii argamullee garuu ammas rakkoo guddaatu jira, keessaahu Afrikaa keessa.
Busaa guutummaatti dachee lafaa irraa dhabamsiisuun milkaa'ina guddaa ta'a.
Gabaasni Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa hojjisiise kun attamiin balleessuun akka danda'amuufi maallaqa hagam akka barbaadu qorateera.
Qorattoonni busaa gameeyyii 41 - saayintiistotaa hanga ogeeyyii diinagdee - akka qoratanitti bara 2050'tti busaa lafarraa dhabamsiisuun ni danda'ama.
Gabaasni barruu qorannoo 'the Lancet' jedhamu irratti maxxanfame kun haala kanaan kan qophaa'e isa jalqabaati jedhameera.
"Baroota dheeraaf busaa dhabamsiisuun abjuu fagoo ture, amma garuu bara 2050'tti dhabamsiisuu akka dandeenyu ragaa qabna," jedhan gabaasicha warra barreessan keessaa tokko Sar Riichaard Fiichman.
Haa ta'u malee "tarkaanfii jajjabaa" fi kutannoo barbaachisa jedhan.
Maal gaafata?
Bara 2050'tti busaa dhabamsiisuuf teeknooloojiiwwan amma jiran sirriitti fayyadamuu, mala haaraa ittiin dhibee kana ittisan tolchu gaafata jedha gabaasichi.
Kunis teeknoolojiwwan qaccee sanyii bookee busaa irratti hojjetaman dabalata.
Qaccee sanyii bookee busaa gulaaluun akka isaan wal-horuu hin dandeenye akkasumas paraasaayitii busaa namatti fidu akka baachuu hin dandeenye gochuun mala tokko.
Akka gabaasichi jedhutti wayita ammaa waggaatti maallaqa doolaara biliyoona 4.3'tu busaa irratti baha.
Haa ta'u malee bara 2050'tti dhabamsiisuun mallaqa dabalataa waggaatti doolaara biliyoona 2 barbaada jedha gabaasichi.
Waggaatti maallaqa dabalataa doolaara biliyoona 2 argachuun ulfaataa ta'uu mala kan jedhan barreessitoonni gabaasichaa, badiinhawaas-diinagdee busaan dhaqqabsiiftu garuu sanaa ooli jedhu.
"Busaa lafarraa dhabamsiisuun galma guddaa fayyaa hawaasaa jaarraa kanaati" kan jedhan direektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom, kana milkeessuun salphaa akka hin taane dubbatan.
Haala amma itti adeemamaa jiruu fi meeshaalee jaarraa darbe keessa kalaqamaniin osoo hin taane bifa haaraan yaaduu akka barbaadus himaniiru.