Firaansitti ho'i bonaa 'nama 1500'tti siqan' ajjeese jedhan qondaalonni

Ho'i daran olaanaa ammaan dura mul'atee hin beekne Waxabajjii fi Adoolessa keessa bara kana Firaansitti mudate lubbuu namoota 1435 galaafachuu ministirri fayyaa biyyattii himan.

Raadiyoo Fireench irratti kan dubbatan Obbo Agnees Buziiyn kanneen du'an keessaa walakkaa ol warraa ganna 75 oliiti jedhan.

Galatni tarkaanfii ittisaa mootummaan fudhateef haa ta'uuti, duuti lammilee kun kan bara 2003 mudaterra harka 10'niin xiqqaataadha jedhan Obbo Agnees.

Bara 2003 haaluma wal fakkaatuun ho'i bonaa daran olaanaa ta'e biyyoota Awurooppaa mudate namoota hedduu galaafate.

Firaansi keessatti bara kana baatii Waxabajjii ho'i digirii seentigireedii 46 gahee ture.

Magaalaa guddoo biyyattii Paariis keessatti ho'i olaanaan galmaa'e dogorii seentigireedii 42.6 ture.

Akka Ministeerri Fayyaa biyyattii jedhutti namootni 567 jalqaba wayita ho'i mudate Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 7 jidduutti du'an.

Kan hafan 868 ammoo wayita marroo lammataaf mudate Adoolessa 21 hanga 27 jidduutti. Namoonni 10 osoo hojiirra jiran du'ani jedhan Obbo Agnees.

Wayita ho'aa san Firaans sagantaalee uummataa adda adda haqxee, manneen barnootaa hedduus cuftee turte.

Kutaalee biyyattii hedduu keessattis akeekkachiisni yeroo ho'i daran hamaa ta'e mudatu kennamu labsamee ture.

Paarkiiwwanii fi lafti daakaa bishaanii hedduun namoonni akka qabbaneeffatan jecha banaa ture.

Paariis keessatti toorri bilbila yeroo balaa tasaa fi kutaan namni itti goree qabbaneeffatu kan yeroo gamoowwan magaalattii keessatti qophaa'ee ture.

Sababa ho'a kanaan Ispeen, Kataalooniyaa keessatti ibbiddi saafaa waggaa 20 keessatti hin mul'anne mudate miidhaa hedduu dhaqqabsiise.

Biyyota Awurooppaa akka UK, Beljiyam, Jarmanii, Luugzambarg fi Neezarlaandis keessattis ho'i olaanaa takkaa galmaa'ee hin beekne mudatee ture.

Haa ta'u malee Firaansiin alatti biyyoonni biroo lakkoofsa namoota sababa kanaan du'anii hin himne.