Waa'ee holqa Laga Odaa Dirree Dhawaa jiru hagam beektu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Holqa Laga Odaa Dirree Dhawaa

Holqi laga Odaa magaala Dirree Dhawaa ganda baadiyyaa Laga Odaa jedhamtu jiddugaleessa magaalattii irraa kilomeetira 36 fagaatee argama.

Holqa kana keessa fakkiiwwan fi barreefamoota halluuwwan diimaa, gurraacha fi adiidhaan hojjetamantu jira.

Kanaafis jecha namoota naannoo san jiraatan biratti maqaa 'Goda Katabaa' jedhamuun beekama.

holqa laga Odaa, fakkii boca namaa fakkaatu dhagaa irratti halluu diimaan kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii holqa laga odaa keessatti dhagaa irratti kaafame

Holqi kun yeroo jalqabaaf bara 1933 lammiilee Firaans Pere Azayis and Oncieu de Champardon jedhamaniin akka argame qorannoowwan ni mul'isu.

Ergasii namoonni ogummaa fakkii bara durii qoratan hedduun qorannoo irratti taasisanis ammallee waa'ee holqa kanaa wanni hin baramne hedduudha.

Umuriin isaanii hanga waggaa 7000'tti tilmaama jedha Waajjirri Aadaa fi Turiizimii Magaalaa Dirree Dhawaa.

Fakkii allaattiiwwan gareen balali'aa jiranii dhagaa irratti halluu gurraachaan kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii allaattiiwwan gareen balali'aa jiranii dhagaa irratti halluu gurraachaan kaafame

"Hambaaleen fakkii holqa tabba jalatti argamu kana keessa jiran haala jiruuf jireenya namoota waggoota kumaatamaan dura iddichatti jiraataa turan agarsiisa" jedhu ogeessi turiizimii magaalattii Obbo Darajje Taaddasa.

Fakkii saawwa mucha afurii dhagaa irratti kaafame
Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii saawwa mucha afurii dhagaa irratti kaafame

Holqi bal'ina meetira 60 fi dheerina meetira sadii qabu kun fakkiiwwan namootaa, horii gaanfaa, gaala, saree, saatawwaa, illeentii, waraabessa fi barreefamoota walumaagalatti 600 ta'an of keessaa qaba.

fakkii dhagaa irratti kaafame

Malli fakkiiwwan holqa Laga Odaa ittiin hojjetaman mala 'Ethio-Arabian' jedhamuun beekamudha jedha Waajjira Aadaaf Tuurizimii magaala Dirree Dhawaa irraa arganne.

Haa ta'u malee barreeffamootni holqa Laga Odaa keessatti argaman haalaan qoratamanii hin hiikamne.

fakkii dhagaa irratti kaafame
Illeettii

Holqi Laga Odaa tuuriistota biyya keessaa fi biyya alaan daawwatamaa turullee yeroo ammaatti namoota baay'een hin daawwatamu.

Roobni tabba irraa gara holqichaatti seenu dhagaa holqichaa tortorsun kutaaleen holqichaa akka caccaban taasiseera.

Fakkiiwwan holqichaa heddunis halluun isaanii haqachaa jira.

Holqa kana badii irraa baraaruuf gaaddisa qorqoorroo irratti tolfame
Ibsa waa'ee suuraa, Holqa kana badii irraa baraaruuf gaaddisa qorqoorroo irratti tolfame
Holqa laga Odaa
Ibsa waa'ee suuraa, Holqa laga Odaa

Hambaa kana badiirraa hambisuuf gartokkeen holqichaa 'sheedii' qorqoorron akka uwwifamu taasifamus, gahaa akka hin taane Obbo Darajjeen ni himu.

Haqamuu halluu fakkiiwwanii hambisuufis ogeeyyin kunuunsa hambaalee irratti beekumsa qaban akka tumsan ogeessichi gaafatu.

Halluun fakkiiwwanii gadi lakkisaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Halluun fakkiiwwanii gadi lakkisaa jira

Holqa kana keessa fakkiiwwaniifi barreeffamoota jiraniin alatti barbaachi hambaalee lafa jalaa hin raawwanne.

Suuraaleen hundi kan BBCti