Dubartii Indooneezhiyaa waggaa 15 holqa keessatti hidhan

Madda suuraa, Police handout
Poolisiin Sulawesi, Indooneezhiyaa keessa, dubartii waggaa 28, ka ganna 15 holqa keessatti 'cirreesii' hidhe arge gad-dhiisee.
Namichi sun ka ganna 83, dubartii tan ka isiin ganna 13 qabdu butee, jinnii qabda jedhee yaada jijjirrachiisee jedhan.
Akka himanitti, halkan mana isaatti galchee dirqiin gudeedaa, guyyaa holqa deebisee dhoksaa waggaa- kudhan olii.
Jinniiti si eegu jira jedheni, akka isiin baqachuu hin dandeenne godhe jedhan.
Namiichi kun ka maqaan beekaanin Jago, cirreessaa waan falfala dalagu.
Akka poolisiin jedhuutti, waggaa 2003, ka dubartiin ganna 13, wal'aansa maatii isii jaarsa kanaati geessite mana isaatti dhiifte.
Eege, wagguma sun keessa baddee, jaarsa gaafannaan dalagaafi Jakaarta deemtee jedh.

Madda suuraa, Police handout
Firaa fi maatiin waggaa hedduu soqanii dhaban, akka badde labsan.
Dhiyoo tana poolisiin gabaasa wa'ii argate, ganda Galumpang, deemanii isii holqaa keessa, iddoo xiqqaa duuba teettu argan.
Suuraan poolisiin holqaa keessatti kaase, bakka isiin teettu agarsiise.
Holqaan sun dhaattuu (cinaa) mana jaarsa isii butee argama.
Amma qabani, mana murtiitti dhiheesuuf, yo yakka itti murani, waggaa 15 olii hidhama.














