'Holqi soogiddaa akka addunyaatti dheeradha' jedhame Isiraa'l keesatti argame

Madda suuraa, Reuters
Qorattoonni Israa'el holqa soogiddaa akka addunyaatti hunda caalaa dheeraadha jedhame argachuu isaanii beeksisan.
Holqi soogiddaa km10 (mayila 6.2) dheeratuufi gogeessa Holqa Malham keessaan darbu ta'ee, naannoo Dean Sea jedhamu waggaa lamaan dura danaan isaa kaafameen gaditti argama.
Holqi jedhame kun naannoo gammoojjii bakka Kitaabni Qulqulluu irratti haati manaa Loox utubaa soogiddaa taatee hafte jedhutti kan argame.
Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, roobni dheerina holqa Malham kana ammuma yeroon dheerate akka dabalu taasisuu mala.
Kun kan uumamu yeroo bishaan roobaa qotaa deemuun, soogidda jiru sana akka baqaa deemu taasisu karaa gogeessa gara Dead Sea geessu akka uumamu taasisudha.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Getty Images
Qaama holqa Malham kan ta'eefi Israa'el keessatti hunda caalaa guddaa kan ta'e karaa Gaara Sodom darbu kun bara 1980n keessa danaan isaa kaafamee ture.
Waggoota lama dura Kilaba Abuurtota Holqaa Israa'el keessaa Yoav Negev, qorannoo kana akka xumuramuu qabu murteessee garee qorattootaafi ogeessota holqaa hundeessanii turan.
Yeroo tokko holqa sana keessatti wayita hirbaata nyaatanittis, Yunvarsiitii Hebiriiwu Yerusaalemitti argamu irraa kan ta'an Boaz Langford akka jedhanitti qorattoonni paastaan isaan nyaachuuf qopheeffatan kan soogidda hin qabne ture.
"Achumaanis soogidda kattaa sana irraa cabsinee itti fayyadamne, " jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Holqi Malham kun galmee bara 2006 irraa kaasee waggoota 13 tiif Holqa Three Nudes jedhamu Odola Qeshm Iraan keessatti argamuufi km6.8 (maayila afur ) dheeratuun qabamee irraa fudhateera jedhan qorattoonni kunneen.












