Afrikaa Kibbaatti lubbuun namaa darbuun qabeenyis saamamaa jira

Qabeenya lammiilee alaa Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargi daandii Juuliyesii fi Jeeppistawonitti saamamee fi kaan gubate.

Madda suuraa, Miidiyaalee hawwaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Qabeenya lammiilee alaa Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargi daandii Juuliyesii fi Jeeppistawonitti saamamee fi kaan gubate.

Afrikaa Kibbaatti qabeenyi lammiilee biyyoota Afrikaa biyyicha jiraatanii kaan saamamuun kaan ammoo manca'aa jirachuu poolisiin beeksise.

Jeequmsii fi saamichi kun naannoo Jeeppistaawon jedhamutti eegaluun booda magaala Johaanisbargi keessa naannoo Denver, Maalveerni, Tuurfoonteen, Tembisaa fi kaanittis babbal'ateera.

Haalicha tasgabbeessuuf qaama mootummaa waliin hojjechaa akka jiran kan himan Ambaasadarri Itiyoophiyaa Johaanisbargi jiran Dr Shiffarraaw Takilemaariyaam qabeenyi lammiilee saamamuu BBCtti himaniiru.

Kallattiidhaan rakkoo umame keessatti tahuu baatus lammiileen Itoophiyaa lama balaa konkolaataa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuus himaniiru.

Tarii yeroo saamichii fi rakkoon nageenyaa dargaggoota gurmaa'aniin uumamu osoo baqatanii tahuu akka danda'us himaniiru.

Qabeenyi saamameefi manca'e jiraatus ammatti hanga kana jennee ibsuuf rakkisaadha, kan lammiilee Itiyoophiyaa qofa waan hin taaneef jedhan ambaasadar Shifarraaw Takilemaariraam.

Jiraataan magaalaa Johaanisbargi dubbisne ammoo torbanoota lamaan dura konkolaachisaan tokko lammiilee alaan ajjeefameera jechuun saamichi gaggeeffamaa ture jedhe.

Karaa miidiyaalee hawwasaas hiriira nagaa bahuuf waamaa akka turan himee kunis lammiileen biyyota biroo irraa dhufan carraa hojii nurraa fudhataniiru, poolisoota keenya reebaniiru, qoricha sammuu namaa hadoochus asitti daldalu jechuun akka mormaa turan hime.

Kana sababa godhachuunis qabeenya lammiilee alaa saamanii kaan ammoo gubaa turan jedhe.

Kaleessas bakka poolisootni hin jirretti konkolaattotni 50 ol tahanis gubataniiru jedha jiraataan kun.

Dabalaatan lammiin Itiyoophiyaa tokko meeshaa bitachuuf magaalaa biraa irraa dhufee bakka Niwuu Taawon jedhamutti hordofanii maallaqa isaa saamanii ajjeesan jedhe.

Jiraataan kun haalichi daldaltootaaf yaaddessadha jedhee gariin meeshaa seeraan alaa daldaltu jedhamuun saamamu kaan ammoo jiraattota biroon saamamu jedhe.

Jeequmsa Afrikaa Kibbaatti lammiilee biyyota alaa biroo irratti ka'e.

Madda suuraa, MICHELE SPATARI

Ibsa waa'ee suuraa, Jeequmsa Afrikaa Kibbaatti lammiilee biyyota alaa biroo irratti ka'e.

Ji'a Adoolessaa keessa rakkoon nageenyaa wal fakkaataan uumamee ture. Magaalaa Johaanisbargi keessatti meeshaalee seeraan alaa daldaltu jechuun poolisiin suuqii ykn dukkaana lammiilee alaa irra deemuun sakkatta'insa gaggeessaa ture.

Yeroo sanas irra caalaan isaanii lammiilee Itiyoophiyaa tahuu kan himame poolisii waliinis walitti bu'aniiru jedhamuun namootni 1000 ol mana hidhaa seenanii akka ture ni yaadatama.

Ambaasadar Shifarraa Takilemaariyaam lammiileen biyyoota alaa irraa dhufan carraa hojii keenyaa nurraa fudhataniiru jechuun dargaggoonni wal gurmeessanii akka ka'an dubbatanii qaamni nageenyaa garuu isaan dhaabsisuuf tarkaanfii gahaa fudhateera amantaa jedhu garuu hin qabnu jedhan.

Kaleessa irraa eegaluun bal'inaan konkolaattota fe'umsaa gurguddoo akka hin sochoone goonerras jedhan.

Dargaggoonno wal gurmeessuun dhaabbilee daldalaa fi suuqii lammilee alaa irratti duulaniiru jedhan.

Saamichii fi qabeenya mancaasuun uumae kun magaalaa Piritooriyaa fi Johaanisbargi keessatti akka tahes himanii lammiilee keenyaaf gama xiinsamuun akka hin miidhamneef hojjechaa jirra jedhan.

Qabeenyi isaanii kanneen jalaa fudhatames akka jiran himanii kanaanis rakkoon isaan mudatu jira jedhan.

Qaamoleen nageenyaa biyyichaas waan danda'an gochaa jiraatanis gama hawwaasa keenyaa fi lammiilee biyyota biroodhaan garuu nageenya isaanii eegsisuufi qabeenya isaanii tiksuu irratti tarkaanfiin gahaa tahe hin fudhatamne kan jedhu komiin jira jedhan amaabsadarichi.

Waan gaariin jiru garuu mootummaan biyyattii haalicha balaleffachaa jiraachuu isaafi to'achuufis yaalii gochaa jiraachuu isaati jedhan.

Dabalataan qaamni nageenyaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniis naanolee rakkoon itti uumametti sochiin akka hin taasifamneefi eeggannoon akka tahu himaniiru.

Ambaasadar Shifarraaw qabeenyi saamamuu qofa osoo hin taane miidhaan xiinsammuu lammiilee keenya irra gahu guddaadha jedhanii maal gochuu akka qaban irrattis hawwaasa keenya waliin mari'achaa jirra jedhan.