Qindeessaan haleellaa 9/11 mana murtiitti dhiyaachuuf

Suura Kahaaliid Sheek Mohammad

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaan dhaddachi nama haleellaa 9/11 'qindeessaara' jedhamuun shakkamee Kahaaliid Sheek Mohammadi beekame.

Dhaddachi dhimma Mohammaad fi namoota kaan afur ilaalu mana murtii waraanaa mana hidhaa Guwaantanamootti Amajjii 11 bara 2021 irraa akka eegalu beekame.

Namoonni shanan kun yakkaa waraanaa, shororkeessummaa fi ajjeechaa namoota kuma sadii olii ofkeessatti hammatuun himataman.

Namoonni kunniin erga haleellaan Niiwyoork, Waashingitaniifi Pensilvaaniyaa qaqqabeen booda yeroo duraaf warra seera dura dhaabataniidha.

Yoo ragaan itti dhiyaate yakkamtoota ta'an murtii du'aatu isaan eeggata.

Kahaaliid Sheek Mohammad bara 2003'tti Paakistaanitti qabame gara mana hidhaa Guwaantanamoo Kuubaatti argamutti dabarfamuun himatni irratti banameera.

Mohammadiifi namoota kaan himatiin adeemsi murtee irratti dabarsuu waggootaaf tureera.

Mohammad bara 2008'tti haleellaa sana duuba jiraachuu amanuun du'a fudhachuuf akka ta'e himee ture.

Bulchiinsi Obama Guwaantanamoo cufuuf karoorsee mormii Koongireesiirraa isa mudateen dhiise, dhimmi Mohammad Niiwyoorkitti akka ilaalamu gochuuf yaalee ture.

Peentaagoon, Mohammad haleellaa 9/11 keessatti A-Z gaafatama akka qabu amaneera jechuun beeksiseera.

Namoonni kunniin garee shorokeessitoota kaan waliin gocha kana keessatti hirmaachuu abbootiin alangaa Ameerikaa ni himu.

Kaampii Haqaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Abokaatoowwan garee kanaa, dhuga bahumsi hidhamtootni kennan FBI'f akka hin dabarfamne gaafataa jiru. Sababni ammoo haalli dhuga bahumsi kun itti kenname akka isaan dhugaa baasan wayita dararamaa turan waan ta'eefi.

Kahaaliid Sheek Mohammad wayita Kuubaatti hidhaa ture, hedduu dararamuu dubbateera.

Ragaan CIA'n harkaa qabuun ammoo Mohammad si'a 183 mala dararaa waterboarding jedhamu ( dugdaan ciibsuun afaaniifi funyaanitti bishaa naquu) dararameera.

Namoonni afran hafan maqaan Waliid bin Ataash, Ramzii bin al-Shibhaa, Amaar al-Baluchii fi Mustafaa al-Hawsawii jehamu.