Kaampiin Sudaan 'baqattoota Eertiraan dhiphachaa jira'

Lammiilee Eertiraa ji'a ji'aan biyya isaanii baqatanii bahaa jiraniin Kaampiin Sudaan dhiphachaa akka jiru Ejensiin baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

Kaampiin baqattootaa Sudaan bahaatti argamu Shagarab, Baqattoota 47,000 ol ta'aniif dahoo yeroo ta'uun tajaajilaa kan jiru yoo ta'u Mudde irraa qabee ji'oota 6 gidduutti ji'a ji'aan yoo xiqqaate baqattootni haaraan 1,000 ta'an itti dabalamaa jiru jedhame.

Baqattoota kunniin keessaa harki caalaan ammoo Lammiilee Eertiraa tajaajila biyyaalessaa ''dhuma hinqabne'' warreen baqatanii bahaniidha.

Lakkofsi baqattootaa kaampii kana keesa jiranii dabalaa jiraachuurraa kan ka'e hanqinni nyaataa, bishaan dhugaatii fi bakka ciisaa mudachuu baqattootni kun BBC'tti himaniiru.

Rakkoo fayyaa guddaafis saaxlamuu dubbataniiru.

UNHCR haala baqattootni kun keessa jiran fooyyessuuf yaalaa kan jiru ta'us, hanqinni meeshalee gargaarsaa bu'uuraa jiru lakkoofsa baqattootaa yeroo yeroon dabalaa jiru waliin hojii isaanii rakkisaa taasisuu beeksiseera.

Tajaajilli biyyaalessaa Eertiraa dhiira umurii 18 ol ta'eef dirqama ji'oota 18'f turu ta'uus, mootummaan sababoota garaagaraan daangaa kahameen olitti waggoota hedduuf dargaggoota tajaajila kanarra tursiisa jedhamuun qeeqama.