Qeerransoonni Xaaliyaanitti nama sarkasii isaan shaakalsiisaa ture ciniinanii galaafatan

Madda suuraa, La Repubblica
Qeerransonni afur agarsiisa sarkasiif shaakalarra turan kibba Xaaliyaanitti nama isaan leenjisaa ture ciniinanii ajjeessan.
Kamisa galgala leenjisaan ganna 61 Etorii Weebar jedhaman Tiriggayinoo iddoo jedhamutti qeerransota kana otoo qophii dhiyaatuuf shaakalsiisaniiti tokko itti utaalee qabate, kan hafan sadaniis isa tumsan.
Qeerransonni kun jalqabaqaama namichaa madeessani.
Achii mandheesaanii keessatti ittiin taphataa osoo jirani, hojjattoonni deeggarsa duraa kennanii fi kan sarkaasii hojjeechiisan qaqqabani.
Garuu, lubbuun hambisuu hin dandeenye. Namichi miidhaa isaan irra qaqqabeen otoo hin bayyannatiin lubbuu isaanii dhabaniiru.
Obbo Weebar leenjistoota sarkasii bebbeekamoo Xaaliyaanii keessaa tokko turan.
Maanguddoon kun qeerransa kan leenjisaa turan agarsiisa 'Animal Park' jedhamu addunyaarra marsuun dhiyaatuuf ture .
Agarsiisa kanarratti Gaalli, Harree-diidoo fi bineensonni biroo sa'aatii tokko booda kan leenji'an agarsiisuu eegaluuf ture.

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaaleen biyyatti akka jedhanitti qeerransi agarsiisa kanatti akka hin hirmaanneef keessaa baafamanii Paarkiitti ergaman.
Poolisiin waan leenjisaa kanarra qaqqabe qorachuu eegaleera.
Qeerransota kana torban lama dura gartuu sarkasii Orfeyi jedhamu leenjisuu kan eegalan maanguddoon kun amma Adoolessaa14 bara 2019tti leenjisuuf yaada qabu turn.
Biyyoonni 40'n guutummaatti ykn hamma tokko bineensota agarsiisa Sarkaasiif itti fayyadamuu dhorkaniiru.
Biyyootni Awurooppaa 20 garee kana keessatti argamu.













