Zimbaabween maallaqa biyyoota biroorratti maaliif qoqqobbii keette?

Mootummaan Zimbaabwee daldaltoonni biyyattii, doolaara Ameerikaa dabalatee, maallaqa biyyoota alaatiin, akka itti hin daldalle murtee falmisiisaaa dabarsiteetti.

Biyyattiin ega bara 2009 sababa qaala'insa jireenyaa biyyattii mudateen maallaqa biyyattii Doolaara Zimbaabwee jedhamu hojiirraa baastee, maallaqoota Doolaara Ameerikaa fi Raandii Afrikaa Kibbaa bakka buusuun daldaltoonni akka itti fayyadamaniif heyyamtee turte.

Ammammoo irra deebiin doolaarri Zimbaabuwee hojiirra akka oolu murteen darbeera.

Murteen kunis lammiilee maallaqa biyyattii irratti amantaa hin qabne naasisee jira.

Wayita Zimbaabween maallaqa kana hojiirraa gugsitu, Doolaarri Ameerikaa $1 = Doolaara Zimbaabwee Kuwaadiriliyoona 35'tti jijjiiramaa ture.

Jijjiiramicha maaltu fide?

Diinagdeen rakkoo keessa jira. Biyyattiin waan hunda haala jechuun danda'amutti alaa galchiti.

Lakkoofsi hojii dhabdummaa guddaadha. Qaala'iinsi jireenyaas haalaan dabaleera.

Haala jiru fooyyeessuuf jecha wantoonni hedduu godhamaniiru, maallaqa biyyatti qofa keessatti hojiirra oolu 'bond notes' fa'a bara 2016 hojiitti galchiteetti.

Lammiilee Zimbaabwee hedduun harkatti maallaqa hin qabatan (kaashii hin baatan). Maallaqa Kaardii yookiin moobayiliirraa kaawwataniin dhimma bahu.

Preezidaantiin biyyatti Eemarsan Minaangaagwaa murtee kana irratti "diinagdee fooyyeessuf akkas goone" jedhan.

Dabalataanis, "Maallaqa garagaraatti fayyadamuun keenya diinagdee akka tasgabeessinuuf nu gargaaree jira. Ta'us garuu imaammata maallaqa keenya garuu to'achuu akka hin dandeenye fi akka nuti doolaara Ameerikaaf gatii guddaa keenninee, qaala'iinsa jireenyaaf sababa akka ta'u taasiseera," jedhaniiru.

Doolaarri Ameerikaa diinagdeerratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf, biyya keessatti oomishuun baay'ee mi'aa ta'a. Kanaaf kan daldaltoonni baay'inaan meeshaalee biyya alaatti galchaaniif jedhu aanga'oon.

Miirri lammiilee akkam ture?

Gaddaa fi dallansuu.

Namoonni baayyeen doolaara biyyatti, hanqina nyaataa fi qaala'iinsa jireenyaa ilaalchisee akeekkachiifni dursee hin kennamnee jechuun qeequ.

"Maallaqni mataa keenyaa nu barbaachisa. Garuu dursanii nutti himuu qabu ture," jedha lammiin biyyatti tokko akka BBC'tti himetti.

Manneen daldalaa gurguddoo fi seektaroonni biroo ega murteen darbee booda guyyaa itti aanutti daballii gatii godhan.

Amma yeroo jalqabaaf doktora biratti ilaalamuuf Z$1,800 - kunis kan barsiisotaa fi narsoonni ji'atti argatan caala.

Daldaltoonni diinagdee biyyattii harka caalan sochoosan hedduun karaarratti kan daldalaniidha. Isaan immoo meeshaalee alaa galchuuf doolaara Ameerikaa barbaadu.

Daldalaan karaarratti daldaluu kan magaalaa guddittii Hararee tokko akka BBC'tti himetti, "Doolaarri Ameerikaa amma booda fudhatama hin qabu jechuun maal jechuudha?

Kun hin ta'u. Nuti hojiin keenya harka caalaan isa doolaaraa US irratti kan hundaa'edha. Maallaqa amma hojiirra oolchan san dhiisuu qabu."

Abbaa seeraa 'Opposition Movement for Democratic Change' kan ta'an Deevid Koltaart akkas jedhaniiru, "kun maraachuudha".

Diddaan kunniin jijjiirama fiduu?

Imaammanni kun hin jijjiiramu taanaan waldaaleen daldalaa "tarkaanfii guddaa" fudhanna jedhaniiru.

Gamtaan Kongirasii Daldaltoota Zimbaabuwee ammas hojjattoonni akka doolaara Ameerikaatiin akka kaffalaman barbaadu.

Ji'a Sadaasaarratti hiriirri mormii gatii boba'aa %150 ta'erratti taasifameen, namoonni 12 ta'an du'aniiru.

Daandiiwwan Hararee irratti daldaltoonni gabaa gurraachaa ammas doolaaraa Ameerikaa sharafaa jiru.

Gatiin gabaa gurraachaa ammas hin jijjiiramne-doolaarri US tokko doolaara Zimbaabuwee 11 yoo ta'u gatiin sharafa baankii immoo 6.2dha.

Maaliif lammiileen biyyatti maallaqa biyyoota alaa filatu?

Lammiileen ega pireezidaantii duraanii Roobart Mugaabee booda seer-maleessummaa diinagdee biyyattii hedduu sodaatu.

Guyyaatti gatiin meeshaalee yeroo baay'ee jijjiirama. Yeroos seeraan ala ta'us namoonni baay'een gabaa gurraachaan doolaara Ameerikaa bitatu.

Daldalli baay'een maallaqa biyya alaatiin jalqabaman. Aanga'oonni suuta suutan itti fayyadama maallaqa biyyoota alaatti qoqobii kaa'aniiru. Meeshaa tokko maallaqa tokkoon bittanii maallaqa biraatiin sharafuu ni dandeettan.

Zimbaabuween maallaqaan ala ta'uu isheerra kan ka'e hammi alaa galchan kan biyyatti oomishan caaleera.