Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US meeshaalee waraanaa Iraan sirna koompiitaraa isaanii hatuun haleelte
US meeshaalee waraanaa Iraanirratti haleellaa sirna koompiitaraa hatuun raawwatamu ''Cyber attack'' banuu miidiyaaleen US gabaasan.
Sirnoonni Koompiiwtaraa hataman rookkeetiifi miisaayeloota biyyattii ajajuuf kanneen itti dhimma bahaman ta'uu Waashiingtan poostitu gabaase.
Xiyyaara US nama malee balaliitu Iraan rukuttee kuffisuu isheef haaloo bahameedha jedhameera haleellaan US kun.
US qoqqobbii haaraa Doonaald Traamp guddaadha ittiin jedhan Iraan irra kaahaniiru.
Qoqqobbiin haaraan Iraan irra kaahame biyyattiin meeshaa waraanaa Niiwkileeraa akka hin qabaanne, darbees yaada isaanii yoo jijjiiruu baatan qoqqobbiin diinagdees akka itti fufu himaniiru.
Wal-gaarreffannaan Iraaniifi US kan hammaate waliigaltee bara 2015'tti galamee keessaa US bara darbe bahuu ishee fi dhiibbaa hin mallee geessuu eegaluu isheen booda.
Iraan torbee darbe ibsa baasteen gabbisa Niiwkileeraa ishee ilaalchisee daangaa sadarkaa idila addunyaatti kaahameen ol deemuu akka dandeessu ibisteetti.
Doonaald Traamp Iraan waliin waraan kan hin feene ta'uu himanii yoo lolli ka'e garuu Iraan akka ''mancaatu'' himan.