Namticha miiliyoonota beelarraa baraare

Madda suuraa, Getty Images
Jalqaba bara 1900 ture Kaatii fi Kaappii Joonis akkuma wal fuudhaniin US bulchiinsa konneektikat gadhiisuun suluula Yaaquyi kaaba biyya Meeksikootti imaluun jiruu qonnaa hojjachu kan eegalan.
Bakkeen sunis lafa gogaafi dhukkeen beekamu yoo ta'u, daangaa Kibba Ariizonaa irraa fageenya kiilometira dhibba muraasa irratti argama.
Abbaan warraan ishee Kaapiin bara 1931tti biraa duunaanis Kaatiin qophaatti achumatti hafte. Yeroo sanattis Ollaa haaraa argatte. Innis giddugaleessaa qo'annoo qonnaa suluula Yaaquhi ture.
Gidduugalli kun kanaalii (yaa'aa bishaan) jallisi kan qabuu fi moora qalbii namaa hawwatu qaba. Iddoo kanatti loon fa'itu horsiifama, burtukaana fi wayiniitu biqila.
Garuu bara 1945 keessa dallaan isaa irraa jigee aramaa fi hantuutatu dhaalu eegalee ture.
Keetiinis oduu waa'ee dargaggeessa lammii US kaampii iddoo ibsaa ykn bishaan yaa'uu hin qabne diigamaa jiru kanatti gidduu gala qorannoo qonnaa hundeessee dhagahuun qorachuuf deemte.
Achitti hundeessaan dhaabbata Rookfilar, Normaan Borlaag qamadii waagii dandamatu oomishu jalqabera.

Madda suuraa, Getty Images
Iddoo inni jiraatu kanatti waqtii arfaasaa facaasuun, birraa sassabama. Normaan Borlaag midhaan qamadii waqtii fi haala qillensa baramaa garaagaraatti oomishuuf karoorse.
Dhaabbatichi garuu eeyyama achitti hojjachuullee hin qabu ture.
Maashinii fi deeggarsa dhabus, haadha warraasaa fi intalasaa fudhatee Meeksikootti qajeele. Kitaaba isaa keessatti Meeksikoo deemusaa akka dogoggora uumetti yaada turu barreessee ture.
Haa ta'u malee, beela qolachuu keessatti dursa maqaan isaa kaafama. Bara 2002 Dallaas observer tti ''muka'uu hamaatu iddoo kanaa na qaqqabsisee' jechuun dubbate ture.
Bara 1968 ogeessi Baayoolojii Paawol Irilich jedhamu kitaaba maxxanse kessatti biyyoonni hiyyeeyyiin akka Indiyaa fi Paakistaan uummannisaanii saffisaan guddachaa turan hanqinni soorataa mudachuu akka danda'u barreesse ture.
Bara 1970 keessa namootni miliyoona 100 tti lakka'aman beela'uu akka danda'an raage.

Madda suuraa, Getty Images
Inrilich waan Noorman Boorlahog hojjatuu waan quba hin qabneef kan inni barreesse dogoggora ture.
Noorman Boorlahog gosa qamadii kuma hedduu meeksikoo fi suluula Yaaquhi gidduutti sanyiisaanii ofeeggannoon oomishaa ture. Gatii dadhabbisaaf badhaasa noobeliis injifateera.
Gosonni qamadii kun callaa fooyyee fi waagii dandamatu kennu garuu, daabboo tolchuuf hin ta'ani.
Teeknoolojiin qaccee (DNA) sanyii qamadii adda baasu waggoota kudhanitti lakka'amu boodatti hafee eegalame.
Sanyiin diqaalofamu fooyyee akka ta'aanis durse abdata ture. Hojii jabduu ture suuta gatii dadhabbisaati argate.
Noorman Borlahog sanyii qamadii gabaabbattee callaa fooyyee kennitu fi waagii dandamattu haaraa gumaache ture.

Madda suuraa, Getty Images
Yaalii dheeraa booda callaa akkatti guddisaan, hagam addan fageessuun akka facaasani fi xaa'oon hagamii akka barbaachisurratti yaali gaggeessera.
Bara 1960 keessa addunyaarraa marsuun oduu kana labsee. Namoonni baayeen bara sanatti jijjirama fida jedhee hin eegne, bara sanatti hojii laaftuus hin turre.
Daarektarri jaarmiyaa qorannoo Paakistaan''qamadii kana yaallee turre garuu, callaa xiqqaa argannee''jechuun dubbate.
Jaarraa walakkaaf biyyatti keessatti heektara tokkoorraa qamadii 360kg hin caalleetu argama ture.

Suuta suuta hojiin Noorman Boorlahog itti dadhabee gara biyyoota guddataa jiranittis babal'ate. Bara 1960 amma 2000 tti oomishni isaanis dachaa 3'n dabale.
Ruuzii fi Boqqoolloorratti hojiin walfakkaatus hojjatame. Inirilich namni miliyoonatti lakka'amu akka beela'u raage, Noorman Boorlahogin immoo uummannii addunyaa dachaan dabaluus, oomishni midhaanii otoo hin hanqanne deeggare.
















